Dhalataan Itiyoophiyaa lammummaa Ameerikaa qabu himannaa Yuunaayiitid Isteetsiin basaasuu jedhuun himatame. Namni maqaan isaa Abrahaam Tekiluu Lemmaa jedhamu kan ganna 50 fi jiraataa Silveer Ispiriing, meeriiland kan ta’e ogummaa Tekinoolojii odeeffannoo ykn IT dhaan mootummaa Yuunaayitid Isteetsiif Kontiraataan qacaramee hojjechaa kan ture gaafa hagayya 24, bara 2023 kan to’annaa jala oolfame.
Biyya biraa deeggaruuf jecha odeeffannoo humna waraanaa Ameerikaa dabarsee kennuu , akkasumas ta’e jedhee odeeffannoowwan Icitii humna waraanaa biyyaaleessaa dhuunfaa isaatti ol kaa’uu himannaawwan jedhanitu irratti dhiyaate.
Himannaa irratti dhiyaaterraa Mudddee 19 bara 2022 irra hanga Hagayya 7, bara 2023 tti Odeeffannoowwan Kooppii gochuudhaan akka odeeffawwan Icitii ta’an barreeffamoota agarsiisan irraa balleesseeras jedhameera. Odeeffannoo Ministira haajaa alaatti mallattoowwan Icitii fi Icitii olaanaa jedhan irra jiran irraa balleessuu isaatiinis himatameera. Ragawaan kunis biyya tokko ykn naannoo tokko kan ilaallatan yommuu ta’an himatamaan eeyyama malee Koopii godhachuu , balleessuu fi dhuunfaadhaan qabachuu isaatiinis jedhameera. Dabalataanis Abiraahaam Tekiluu Lemmaa odeeffannoowwan Icitii humna waraanaa Angawaa basaasaa biyya biraa tokko waliin quunnamtii tolfachuun dabarsee akka kenne himannaan irratti baname ifoomseera. Waliin dubbii Angawaa basaasaa biyya biroo jedhame kana waliin taasisaa ture keessattis odeeffannoowwan kanneen kennuufiin akka deeggaruu barbaadu ibseeraaf jedha.
Odeeffannoo Abraahaa Tekiluu Lemmaa angawaa basaasaa biyya biraaf kenneera jedhame keessatti biyya maqaa hin dhahamne keessatti sochii humna waraanaa kan agarsiisu fakkii Saatelaayitii fi odeeffannoowwan humna waraanaa biroos dabalata jedhameera.
Himannaawwan basaasaa Abiraahaam Tekiluu Lemmaarratti banaman lamaan adabbii Umrii guutuuti hanga du’aatti itti murteessisuu akka danda’anii fi Ragalee dhuunfaadhaan qabachuu kan jedhummoo adabbii hidhaa han
Forum