Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Naannoo Amaaraa Keessa Jiru Akka Haaraatti Mudatee Jira


FAAYILII - Magaala Gondaar, naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Gondaar, naannoo Amaaraa

Waltti bu’iinsaa humnoottan mootummaa fi garee hidhatootaa Faannoo gidduutti atti muudateen mannoottan daldalaa fi bakkaawwan hojii mootummaa magaala Gondar keessatti argamana guyyaa har’aa cufamanii oluun isaanii beekamera.

Akka jiraattonni magaala Gonder sagalee Amerikaatti himanitti , Sambata darbee galgala magaalichaa keessaatii lola cimaatuu taasifamaa turee.

Jiraattonni naqaan isaanii akka hin dhahamnee gaafatan akka sagalee Amerikaatti himanitti, magaala Gondor bakka Maarakii Lidetaa ganda 18 jedhamee beekamu keessatti dhukaasaa ture hordofuudhaan, namoottan uffata Dambii kan loltootaa uffatani fi kanneen uffaata siviilotaa uffatan rasaasaan rukutamanii karaa irratti kufanii mulachaa turan.

lola kan ilaalchisuu dhaan wiirtuun ajajja labsii yeroo atattaamaa Itiyoophiyaa ibsaa Dilbata kaleessaa baseen waraanni mootummaa tarkaanfii fudhachuu dhaan hidhattota Faannoo maggala Gondar keessaa baasuu isaa fi kanneen “humna diinaa” jedhee waame 50 ta’an ajjeesuu isaa beeksesee jira.

Wiirtuun ajaja labsii yeroo Atattamaa ibsaa Kaleessa kenne kanaan hidhattonni Faannoo buufata Poolisii Magaala Gonder keessatti argamu tokko qabachuuf yaalii taasisuu isaanii eree, tarkaanfii loltoonii mootummaa fudhataniin yaliin taasifame fashalaa’uu isaa dabalee beeksisee jira.

Karaa biraatiin godina Goojjam lixaa keessatti magaala Baahirdaar irraa kiilommeetirii 42 fagaatte argamatuu Adeet jedahmtee beekamtu keessatti guyyaa har’aa mormiin ittu manaa hin ba’in ooluu taasifamuun isaa beekameera.

Haaluma nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee walgahiin hoggantoota biyyoottan Afrikaa “Waltajjii Xaanaa” jedhamee beekamuufi Onkoloolessa 12 amma 14 bara 2023 magaala Baahidaar keessatti taasisamuudhaaf karoorfamee ture gara Ebla bara 2024 darbuu isaa gabaasni Asteer Misagaanaawu Baahirdaar irraa Sagalee Amerikaatiif ergite ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG