Paartii warra rippaabulikaanootaa bakka bu’uun kaadhamtoota dorgommii pireezidaantummaa Yuunaayitid Isteetsi isa bara dhufu taasifamuuf kan wal dorgomaajiran falmii isaanii isa lamaffaa roobii kaleessaa galgala taasisaniiru. Kaadhimatoonni paartii Rippaabulikaanoota Torba falmii sa’aatii lamaaf ture taasisaniiru.Filannoo jalqabaa taasisuuf yeroon ji’a Afur hin guunne yeroo hafeefiitti haala amma jiruun hundi isaanii pireezidaantii Yuunaayitid Isteetsi duraanii Doonaald Tiraampiin caalamaniiru. Wal falmiin kaadhimamtoota paartii warra Rippaabilikaanootaa galma mana kitaabaa Pireziidaant Roonaald Riigaan kan Kaalifoorniyaatti argamutti kan gaaggeefame yom muu ta’u , bulhaan Niwuu Jeersii duraanii Kiriis Kiriitiyee dhimma baqattoottaa ilaachisuun yaada ijoo falmii isaa dhiyyeesse irratti daangaa Meeksikoorratti eegdoota biyyaaleessaa, kan gumurukaa fi to’attoota daangaa bakka tokkotti walitti makeen baqattoonni akka daangaa keenya hin seennen taasisa jedhe.
Dhimmi biraan wal falmii kanarratti ka’eeru diinummaa Chaayinaan Ameerikaaf qabdu. Bulchituun Karoolaayinaa duraanii Nikkii Heelii immoo yaada ijoo falmii ishee keessatti humna addaa gara meeksikootti erguun Kaarteelsii qoricha sammuu nama hadoochu oomishu sanan rukkuchiisa. Kana malees Chaayinaa waliin hanga isheen dhangala’aa Fiintaaniyiilii dhaabdutti hariiroo daldalaa Ameerikaa waliin qabdu addaan nan kutas jetteetti.
Baayooteekirratti Invastara kan ta’e Viivik Ramaaswaamii dhimma waraana Raashiyaa fi Yuukireen ilaalchisuun Puutiin abbaa irree hamaa waan ta’eef qofa Yuukireen gaariidha jechuu miti, Chaayinaan garuu diina dhugaadha jechuun ibse.
Filooridaan lammiileen Chaayinaa naannolee dhaabbilee humna waraanaatii akka hin bitne kanaan dura dhorkiteetti bulchaan Filooridaa duraanii Roon Desaantiis amma falmii kaadhimatoota Rippaabuliikaanoota kanarrattis dhorkaa akkasii guutummaa Yuunaayitid Isteetsitti akka taasisu ibseera.
Bulchaan kaaba Daakotaa duraanii Daag Bargum Isa bulchiinsi Joo Baayiden Iraan waliin hidhamtoota wal jijjiiran irratti “Warri iraan hidhamtoota Shan argatan , nutis hidhamtoota shan arganne, garuummoo isaan doolara biiliyoona Ja’a dabalataan argataniiru kanas shororkeessummaa isaanii tarkaanfachiisuuf itti fayyadamu. Kunimmoo mootummaa addunyaan akka shororkooftuuf Ispoonsara ta’edha jechuun qeeqqeera.
Itti aanaan Pireezidaantii Ameerikaa duraanii Maayik Peensi waa’ee hoogganaa isaanii duraanii Doonaald Tiraamp dubbii dubbataniin “ Amma Doonaald Tiraampi ajaandaa fi sochii Rippaabilikaaniin waggoota Shantama darbaniif itti jirurraa isa waltajjii Addunyaarratti ittiin beekamnurraa ba’eera. Amma Doonaald Tiraamp afaan tasgabeessuu fi irraa ba’uu dubbachaa jira jedhan.
Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi duraanii Doonaald Tiraampi falmii kanarraa hafuuu kan filate Miichigaanitti hojjettoota warshaa konkolaataa warra miindaan akka dabalamuuf gaafatanii hojii dhaaban waliin wal arguu filate.
Akka qorannoon Teleevizhiyoonaa NBC agarsiisutti filattoonni dhibbeentaa 60 kaadhimamtoo paartii warra Rippaabulikaanootaa keessaa Doonaald Tiraampiin filachuu barbaadu jedha. Kanneen dhibbeentaa 16 ta’animmoo bulchaa Filooriidaa duraanii Roon Dosaantis filachuu barbaadu jedha.
Falmiin kaadhimtoota paartii rippaabulikaanootaa gidduutti taasifamu kun yeroo ji’a tokkoo booda gaafa gaafa Sadaasa 8 bara 2023 Filooriidaa Miaami keessatti ni taasifama.
Forum