Bulchiinsa naannoo Amaaraa Godiinoota adda addaa keessatti caama mudateen lammiwwan manaa fi qe’e isaanii irraa godaanan miliyoona lamaa ol ta’aniif gargaarsa midhaan guyyaatti itti fayyadaman akka argataniif gaaffiin dhiyaatee jira. Komishiinarrii komiishiina ittisa balaa fi wabii nyaataa kan bulchiisa naannoo Amaaraa Diyaaqoon Tesfaahun Baayaabil RSAf akka ibsanti, naannoo haallii qilleensaa ho’aa itti ta’e harka caalaa keessatti caamnii mudatee jira.
Kanaafis jecha, uummanni miliyoona lamaa ol, kan yeroo namaa hin laannee gargaarsa nyaataa kan guyya guyyaatu isa barbaachiisa jedhanii, kanneen keessaa sababaa walitti bu’iinsaan naannoolee biyyatti adda addaa keessaa buqa’anii mooraa keessa akkasumas hawaasa keessatti makamanii jiraatan akka keessa jiran ibsaniiru.
Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti, balaa uumamaa fi nam-tolchee haanqiina nyaataa mudatee guutuuf, mootummaan hanga tokko yaalii godhuus, rakkoon nageenyaa amma jiru gargaarsa namoomaa geessuuf danqaa ta’u dubbatan
Komishiinar kun, jaarmayoonni gargaarsaa akkasumas lammiwwan Itiyoophiyaa biyya keessaa fi ala jiraatan gargaarsaaf akka harka isaanii hiixatan gaafataniiru
Waajiirri Komuunikeeshinii bulchiinsa naannoo Amaaraa kaleessa ibsa baaseen, rakkoo naannoo sana keessatti mudatee bifa ammayyuummaa qabuun furamuu akka waamicha dhiyeessee jira.Adda addummaa jiru qawween furuuf humnootiin sosso’aa jiran, cinatti dhisuun nagaa argamee hanga tokko kan waaraa akka ta’uuf hojjatamuu qaba jechuun ibsii kun uummataaf waamicha dhiyeessee jira jechuun Asreer Misgaanaaw Baahir daar irraa gabaastee jirti.
Forum