Gamtaan Awurooppaa Gocha hammeenyaa waraana Itiyoophiyaa keessaa, kan dhiigaa dhangalaasiseen walqabatee gargaarsa kallattiin kennaa ture erga addaan kutee gara waggaa sadii booda, Ityoophiyaaf gargaarsa Yuuroo miiliyoona 600 fi Miiliyoona 50 shalagamuu akka kennu waadaa seenee jira.
Komishinarri walta’iinsa sadarkaa addunyaa Gamtaa Awurooppaa Yuuttaa Orgalaaynee waliigaltee kana kan labsan , Kibxata kaleessaa Finfinnee keessatti, Ministira Maallaqaa Itiyoophiyaa Ahimad Shidee waliin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin ture.
“suuta suutaan Hariiroo ture iddootti deebisuuf yeroon amma kan jedhan komishinarri kun, biyya keessan waliin tumsa walii cimsuun deebiftanii ijaaruun yeroon isaa amma jedhan.Kanaafis gargaarsii amma kennamee kun erga dhukaasa dhaabiinsii baatii Sadaasa darbe wal waraansa xumuree as
“tarkaanfii qabatamaa kan jalqabaa ti” jechuun ibsaniiru.
Obbo Ahimad shidee gama isaaniin, gargaarsi kun Ityoophiyaan waraana booda dandamachuu ishee guddisuuf kan gargaaru yoo ta’u, biyyattiif “yeroo murteessaa” ta’etti jijjiirama dinagdee baay’ee barbaachisuf kan haala mijeessuudha jedhan.''Waltumsi tarsiimoo kun amma karaatti deebi'eeras,'' jedhan.
Haa ta’u malee, deeggarsi baajata kallattiin mootummaa Itoophiyaaf kennamu addaan citee kan jiru yoo ta’u, hanga “haalli siyaasaa baay’ee ifa ta’e” guutamutti hin deebi’u jedhan Garu maal akka ta’e adda baasanii hin ibsiine.
Itti dabaluudhaanis sagantaan jaarmayaa maallaqa addunyaa irraas dursee akka barbaachisu dubbatan..
Kibxata kaleessaa darbe muummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaki Mahamat waliin mari’atanii turan.
Forum