Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awrooppaa Kanneen Itiyoophiyaa Keessatti Miidhaan Mirga Namoomaa Raawwatameef Ilaalcha Kennuu Dhiise:Hiyumaan Raayitis Waach


Asxaa Garee Mirga namaa, Hiyumaan Raayitis Waach
Asxaa Garee Mirga namaa, Hiyumaan Raayitis Waach

Gamtaan Awurooppaa fi miseensonni isaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa Jenevaatti argamutti haala mirga namoomaa Itoophiyaa irratti qorannoo sadarkaa addunyaa itti fufiinsa qabuuf deeggarsa taasisan ilaalchisee duubatti deebi’uu isaanii garee Mirga namaa Hiyumaan Raayitis Waach ibsa har’a baaseen beeksiseera.

Biyyoonni, hanga Onkoloolessa 4, 2023tti walgahii mana marichaa Onkoloolessa 13 xumuramuuf jiru irratti murtii tokko dhiyeessuu qabu turan jedha ibsi Gareen mirga namaaf falmu kun.

Onkoloolessa 3, qorannoon manni marichaa ajaje, Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Sadarkaa addunyaa Itoophiyaa, gabaasa isaa isa haaraa baaseen, yaaddoon balaan yakka fixiinsa namaa Itiyoophiyaa keessa jira jedhee jira.

Ogeeyyiin kun gahee ittisaa barbaachisaa Manni Maree Mirgoota Namoomaa qabaachuu danda’u ibsanii, qorannoon sadarkaa addunyaa itti fufee fi qorannoon walabaa sarbamiinsa mirga namaa darbee fi itti fufee jiru irratti akka gaggeeffamu yaada dhiyeessan.

''Miseensonni Gamtaa Awurooppaa komishinii ogeeyyii haaromsuu dhabuu dhaan qorannoo sadarkaa addunyaa miidhaa cimaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu mirkaneessuuf itti gaafatamummaa isaanii boodatt dhiisaniiru,'' jedhan daayreektarri olaanaa kan Hiyumaan Raayitis Waach Tirana Hassan. Miidhaamtoota gocha hammeenyaa Itiyoophiyaa keessatti raawwataman hedduun abdii isaanii Komishinicha irra kaa’aniif, kun rukuttaa hamaa dha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG