Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishinarri ol'aanaan Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Jechoonni Jibbinsaa Addunyaa Keessatti Hammaachuu Ibse  


FAAYILII - Alaabaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Jenevaa
FAAYILII - Alaabaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Jenevaa

Komishinarri Olaanaan Mirgoota Namoomaa ka Tokkummaa mootummootaai Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, sababa haasaa jibbiinsaan addunyaa guutuu keessa nagaa dhaan waliin jiraachuun diigamaa jira.

Voolker Turk mana maree mirga namoomaa Jenevaa jirutti bakka bu'ootaaf haasawaa taasisaniin, gubachuu Qur'aanaa gocha kabaja dhorkachuu fi jibbaa ti jechuun balaaleffataniiru.

Gochawwan akkasii namoota dhuunfaa fi hawaasa miliyoonaan lakkaa'aman irratti dhiibbaa gadi fagoo geessisanii dha jechuun Turk itti dabaluun dubbataniiru.

Turk akka jedhanitti, jibba amantii qolachuuf bu’uuraalee seeraa biyyoota miseensa ta’aniif hojii irra oolchuu dhaan kan hordofamu ta’uu ibsaniiru.

Gubachuun Qur’aanaa fi mormiin farra Islaamummaa bara kana biyyattiin seera barreeffamoota amantii xureessuu dhorku waan hin qabneef biyya Siwiidin keessatti baay’atee ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG