Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Dorgommii Fiigichaa Afiriikaa Guddicha  Ameerikaatti


Wal Dorgommii Fiigichaa Afiriikaa Guddicha  Ameerikaatti
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:59 0:00

Wal Dorgommii Fiigichaa Afiriikaa Guddicha  Ameerikaatti

Wal dorgommiin Fiigichaa Afiriikaa guddicha jedhamuun beekamu kan Waggaa waggaan as Yuunaayitid Isteetsitti gaggeeffamu hawaasa Waashingitanii fi naannooshee jiraatanii kan walitti fideeru har’a Onkoloolessa 14 ,2023 Verjiniyaatti gaggeeffameera. Wal dorgommicha Atileetoonni bebbekamoon keessumummaan irratti argamuun jalqabsiisaniiru.

Wal dorgommiin Fiigichaa kun fageenya Kiiloomeetira Shaniin kan gaaggeeffame yommuu ta’u Atileetoonni dhiiraa fi dubartootaa irratti himataaniiru. Atileetoota dhiiraa dubartootaa tokko hanga sadii ba’aniifiis guyyyaa boorii badhaasni maallaqaa ni kennamaaf. Qopheessaan fiigicha Afiriikaa guddichaa Dr Gaashaawu akka ibsanitti kaayyoon keenya Itiyoophiyaa dabalatee Afiriikaan Atileetiksiin heedduu beekamtu akka carraatti fayyadamuun hawwaasa diyaaspooraa walitti fiduun biyya keenya beeksiisudha jedhan.

Kana malees namoota uummata biyya keenyaaf bu’aa buusaniiraniif waltajjii beekamtii itti kenninus jechuun ibsaniiru Dr. Gaashaawu. Sagantaanbeekamtii kennuu kunis guyyaa boorii akka gaggeeffamuu himanii Atileetoonni maatii Dibaabaa warra beekamtiin kennamuuf keessaa tokko akka ta’anii fi Atileet Silashii Sihiin , gama kalaqa hojii biizinasiin immoo Obbo Girmaa Waaqee fi gama Aartiinimmoo Obbo Mulaatuu Astaatiqeef beekamtiin kennamuuf akka jirus ibsaniiru.

Waltajjiin dorgommii fiigichaa akkasii Atileetoota reef carraa gaarii akka uumuuf himaniiru Dr. Gaashaawu. Dorgommii Fiigichaa Afiriikaa Guddichaa as Yuunayitid Isteetsitti qophaa’e kanarratti Atileeti Dastaa Uturaa warraa dhiiraa keessaa tokkofffaa ba’uun xumureera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG