Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimed Onkloolessa 17-18tti Beejiing keessatti kan qophaa’e gumii sadaffaa kan ijaarsa bu’uuraalee misoomaa kan wal ta’iinsa sadarkaa addunyaa irratti hirmaachuuf magaalaa galma mootummaa Chaayinaa seenanii jiran.
Wal ga’iin kun qophee dipilomaasummaa baay’ee barbaachisaa kan waggaa kana Chaayinaa dhaan qophaa’e yoo ta’u, kaka’umsa ijaarsa bu’uura misoomaa erga jalqabee waggaa kurnaffaa isaa ti.
Hanga ammaatti bakka buutonni biyyoota 140 ol fi bakka buutonni dhaabolii sadarkaa addunyaa, hoogganoonni naannoo, itti gaafatamtoonni dhaabbilee sadarkaa addunyaa, ministeroonni, angawoonnii fi bakka buutonni damee daldalaa, kan akaadaamiksii fi bakka bu’oonni dhaabbilee bu’aaf hin hojjennee argamuun isaanii mirkanaa’ee jira. wal ga’iin kun jalqaba bara 2017 Beejiingi keessatti kan geggeessame yoo ta’uu, inni lammataa immoo bara 2019 geggeessame.
Kaka’umsi ijaarsa bu’uura misoomaa daandii galaana irraa kan jaarraa 21ffaa kun bara 2013 Eeshiyaa, Awrooppaa, Afriikaa fi wal quunnamsiisuuf toora daldalaa fi bu’uuraalee misoomaa ijaaruuf kan Chaayinaa dhaan jalqabame ture.
Waggoota kurnan darban keessatti biyyoonni 150 ol fi dhaabbileen sadarkaa addunyaa 30 ol galmee kaka’umsa ijaarsa bu’uura misooma kanaa mallatteessaniiru.
Forum