Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keesstti Namoottan Nagaan Hidhattootaan Butamanii Fudhatamuun Akka Yaaddoo Uume Jiraattonnii fi Aangawaan Mootummaa Dubbatan  


FAAYILII - Karaa Bishooftuu, naannoo Oromiyaa
FAAYILII - Karaa Bishooftuu, naannoo Oromiyaa

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee keessaa ittu hojachaa jiranuu guyyaa 20n duraa garee hidhatootaan butamanii kan turan turan woojattoonii dhaabataa ijaarsaa 10, maallaqa Doolaara kuma 36 fi 300 erga wareen isaan qabaniif kennamee booda wixata dheengdaa gadi lakkisamuu isaanii Sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Waaluma walfaakkaatuun, nannoo Oromiiyaatti bakka Finchaa Goditti jedhamuu irraa butamanii kan turan qonnaan bultoonni Saddeet ergaa horii hedduu laatanii boodaa Sambata dheengaddaa gadi lakkisamuun isaanii beekameera.

Dhaabbata mootummaa kan ta’ee umnii Ibsaa Itiyoophiyaa hojjattoonni isaa hidhatootaa eenyumaan isanii hin beekamneen naannoo magaalaa Baatuuti butamanii fudhatamuu isaanii ibsee jira.

Bulchiinsa mootummaa naanno Oromiyaati Dubbi himaa kan ta’an obbo Hayiluu Adduunyaa gochaawwan kun raawwatamuu isaanii mirkaneessani gochichaa kan raawwataa jiruus garee isaan Shororkeessaa jedhanii waaman WBO ta’uu isaa himaniiru. Mootummaan tarkaanfii nageena kabachiisuu garee kana irratti fudhachaa jiraachuu isaas ibsaniiru.

Dubbii himaan WBO kan Idlee Adduunyaa Odaa Tarbii Dhimma kana irraatti sagalee Amerikaatiif deebii kennaniin waraanii isaanii akka gochicha hin raawwanne himani ,dadhabinaa mootummaa biyya bulchaa jiruun kan ka’e gareewwaan gocha saamichaa raawwatan baayyachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG