Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiniin Addaa Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Qoratu Akka Biyyattii Keessatti Qorannaan Mirga Namoomaa Geggeessamu Gaafate


Faayilii -Mana maaree dhimmootii mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaa
Faayilii -Mana maaree dhimmootii mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaa

Haawaasinni Aduunyaa qorannoo haala mirgaa namoomaa Itiyoophiyaa irratti taasifamaa jiru akka mirkaneesuu fi wareen walti bu’insaa irraa dandamatan akka gargaaruu qabu Komishiinin addaa haalaa mirgaa namoomaa Itiyooophiyaa hordofuuf hundeeffame ibsee jira.

Komishiinichii ibsa kana kan kennee gaabaasaa isaa kan xumuuraa isaa waa’ee mirga namoomaa Itiyophiyaa irratti qophaa’e yemmuu walgahii mootumootaa gamtoomanii marsaa 78 irratti dhiheeseen akka ta’e ibsameeraa.

Duraa taa’a komishiinichaa kan ta’an Mohaamed Chaandee Otimaan gabaasa dhihaatee kana irratti yemuu ibsan, walti bu’insaa naannoo Tigraay keessatti taasifameen yakki waraanaa fi yakki farra namoomaa raawwachuu isaatiif akka raga qaban dubbataniiru. Yakka dhumiinsaa fi duguugaa sanyiitin walqabatee fuulaa durratti qorannoon itti fufuu akka qabus dura taa’an komishiinichaa gaafatanii jiru.

Hojiin ykn aangoon komishiinichaa walgahii mana maree mirgaa namoomaa dhaabataa mootumootaa gamtoomani marsaa 54 irratti ittu hin haaromsamiin hafee jira.

Hojiin komishinichaa addaan cituu isaa ilaachisee beektonni miseensota komishiinichaa yaadaa kennaan akka jedhaniitti, hojiin komishiinichaa dhaabbachuu jechuun namoottan walti bu’insaa keessatti miidhaan irraa qaqqabee bakka sagalee isaanii itti dhageesifatan kan dhabsiisudha.

Komishiiniin addaa waa’ee mirga namoomaa Itiyoophiyaa hordofuu mana maree mirga namoomaa kan mootumoota gamtoomanitin kan hundeeffame Muuddee 17 barra 2021 wuxinee seeraa S-33/1 jalatti ta’uun isaa ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG