Wiirtuun tajaajiila fayyaa Shifaa kan Gaazaa keessatti argamu “kana booda akka hospitaalaatti kan hin hojjenne ta’u fi haalli hospitaala guddicha Gaazaa kanaa “hamaa fi balaa guddaa qaba” jechuun Daarektarri Olaanaa kan jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Teediroos Adhaanoom ibsanii jiru.
Hogganaan kun, “Dhukaasni qawwee fi boombii yeroo hunda ta’u’” naannoo hospitaalichaatti gaggeeffamu, “rakkoo duraanuu murteessaa ta’e daran hammeesse” jedhan.
Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Dilbata kaleessaa akka jedhanti, dhukkubsattoonni hospitaala Shifaa Gaazaa marfame keessa jiran, nagaadhaan baafamuu kan hin dandeenyeef sababni akka hin jirre ibsuun, hidhattoonni Hamaas “miidhaan akka isaan irra ga’uuf waan hunda gochaa jiru” jechuun falman.
Hogganaan Israa’el kun Teleeviziyoona CNNf akka himanitti, dhukkubsattoonni 100 hospitaala keessaa baafamuu isaanii fi Falasxiinonni kuma kurnaan lakkaa’aman kanneen naannoo itti dhiiyeenya qabu keessaa jiraatan, karaai nagaa ta’een, magaalaa Gaazaa keessaa gara kibbaatti nagaadhaan naannoo sanaa ba’aniiru jedhan .
Gorsaan nageenya biyyoolessaa kan Waayit Haawus Jake Sullivan sagantaa “Face the Nation” jedhamu kan Teleeviziyoona CBS tti akka himanitti, Ameerikaan “hospitaalota dhukkubsattoonni nagaan kunuunsa yaalaa itti argatan, dhukaasa qaxxaamuraa keessatti qabaman arguu hin barbaaddu, kana irratti Raayyaa Ittisa Israa’el waliin marii gaggeeffame qabna jedhan.
Hospitaalicha keessatti wal'aansi dhukkubsattootaaf kennamu tokko tokko sababa dhiyeessiin boba'aa hir'ateef addaan citee kan ture yoo ta'u, sababa kanaan daa'imman lama du'uun fi dhukkubsattoonni kudhanii ol balaadhaaf saaxilamaniiru.
Israa’el “hospitaala Shifaaf boba’aa kennitee jirti kan jedhan Natanyaahuun, garu fudhachuu diidan jechuu bira dabree bal’inaan kan ibsan hin jiru.
Gaazaa Kaabaa keessa kan jiran hospitaalota gurguddoo irratti haleellaa raawwatamee booda. Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman baqataniiru.
Forum