Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Marsaa Lamaffaa Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Giddutti Taanzaaniyaa Keessatti Eegalame Ittuma Fufee Jira  


Asxtaa WBO fi Alaabaa Itoophiyaa
Asxtaa WBO fi Alaabaa Itoophiyaa

Mariin mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Daresalam keessattii adeemsifamaa jiru, tarkaanfii gaarii agarsiisaa jiraachuu maddeen marii araarichaatti dhiyeenya qabanii fi kanneen maqaan isaanii akka hin himamnee gaafatan VOAf ibsaniiru. "Qaamoleen lamaan dhimmoota ijoo ilaalamaa jiran furuutti ce'aniiru" jechuun ibsaniiru.

Gama kaaniin, Jilli A B O – W B O Ajajaa Ol’aanaa kan ta’an Jaal Marroo Dirribaa fi itti aanaa isaa Jaal Gammachuu Abboyyeetiin durfamu, marii nagaa kan sadarkaa olaanaaf Taanzaaniyaa seeneuu isaa, ajajii sadarkaa olaanaa ABO-WBO ibsa har’a baaseen beeksisee jira.

Furmaata siyaasaa karaa nagaan hawwii ummata keenyaa dhugoomsuu akkasumas wareegama wareegamtoota keenyaa baasaniif kabajaa argachuuf jecha, cicha keenya itti fufna kan jedhu ibsii kun, akkuma mariin nagaa kun xumuramutti odeeffannoo

Ministira Muummee Itiyoophiyaaf Gorsaan Nageenya Biyyoolessaa kan ta’an Obbo Reedwaan Huseen fi Ministirri Haqaa kan biyyattii Gideon Timoteewos gama mootummaa irraa, kaleessa marii kanatti dabalamuun ibsan.

Kunis, marii gaggeeffamuu fi garee arraara kan gaggeessaa jiran giddutti, wal amantaa argamaa dhufuu isaa kan agarsisuu ta’e fudhatama jechuun, madden kun ibsanii jiru.

Dr. Worqinaa Gabayyoo, itti gaafatamaan IGAD, marii kana dammaqinaan haala mijeessuu isaanii maddeen ni ibsu.

Dubbi himaan Dr. Worqinaa kan ta’an Obbo Nuur Mohamud Sheekh, waa’ee kanaa gaafatamanii, marii kana irratti hogganaan IGAD argamuu isaanii mirkaneessuu baatan iyyuu, biyyoota mseensa gaad ta’an keessatti, yoo rakkoon uumamww dhaabatichi cichominaan deggersa kan kennuu ta’u isaa, akkasumas Igaad yeroo hundaa marii siyaasaa karaa nagaa fi Diploomaasummaanf filmaata duraa akka ta’e ni amana jedhanii jiru jedhan.

Mariin biyya miseensa Igaad taatee inni ammaa kunis, ba’ii furmaata waaraa qabaata jennee amanna jedhan.

Yunaaytid Isteetis fi Noorweey, marii araaraa kana irratti, akka taajjabdootaatti gargaaraa kan jiran ta’ madden kun ibsuu isaanii Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG