Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Lolaa Jandoo Roobaan Uumame Somaaliya Keessatti Uummata Walakkaa Miliyoonaa Manaa fi Qeheerraa Buqqise

FAAYILII: Balaa lolaa Somaaliyaa
FAAYILII: Balaa lolaa Somaaliyaa

Somaaliyaa keessatti Roobni cimaan argamee lolaa cimaa kakaase namoonni gara walakkaa miliyoonaa ta’an qe’ee isaanii akka baqatan gochuun namoota 30 ol akka du’an ministirri tokko Wiixata ibseera.

Ummanni somaaliyaa kun jalqaba baatii kanaa irraa eegalee rooba cimaa addaan hin cinnee kan sababa haala qilleensaa El Ninon dhufeen, mana jireenyaa fi lafa qonnaa bishaaniin guutameen rukutamee jira.

Balaan kun kan dhufe caama hamaa argamee hin beekne eega mudatee boodaa fi lammiileen Somaaliyaa miliyoonaan lakkaa’aman qarqara afaan beelaa irraan erga isaan ga’e booda.

"Sababa lolaa bishaanoo kanaan namoonni walakkaa miliyoona ta'an mana isaanii irraa baqataniiru," kan jedhan Ministirri Odeeffannoo Daud Aweis, kanneen biroo miiliyoona 1.2 miidhamuu akka danda'an akeekkachiisan.

Qondaaltonni mootummaa du'a namoota 31 mirkaneessanis ''lakkoofsi namoota du'anii kan kana caalu ta'uu danda'a'' jedhan.

Badiisni guddaan kun naannoo Somaaliyaa gama kibbaakutaa kutaa Geedoo fi kutaa Hiraan waaltaa keessattimkan dhaqqabee yoo ta’u, lagii Shabelle guutee cabsee ba’uun daandiilee liqimsee fi qabeenya magaalaa Beledweyne keessaa fudhatee deeme.

BaatiiCaamsaa keessa lagni kun yeroo guutee dhangala'eetti, namoonni gara kuma 200 ta'an Beledweyne irraa dheessanii ba’an.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG