“Sabnii Oromoo gahaatti waan rakkachaa jiruuf haalli jeequmsii akka itti fufu taasisu fudhatam hin qabuu” jechuudhan dhaabbanii gaadisaa hawaasaalee oroomo kan biyyaa alaa ta’ee OLLAAn beeksisee jira.
Marii nageenyaa mootummaa Ityophiyaa fi WBO giduutti Taanzaaniyaa keessatti taasifamaa jiru ilaalchisuudhaan ibsaa kan baasee OLLAAn, jeequmisa Oromiyaa keessatti itti fufee jirun namoottan nagaa fi qulqulluu ta’an midhamtootaa jalqabaa waan ta’aniif jeequmisichii itti fufa taanaan balaa guddaa akka fiduu danda’u cimsinee amanna jedheera.
Waggoottan darbaniif umnoottan mootummaatiin, garee hidhattootaa naannoo Amaaraa warreen milishootaa Faannootiin, akkasumas gareewwan waldhabdee keessa jiran hundaanuu siviiloota irratti ajjeechaan seeraa alaa raawwachaa akka turee ibsii OLLAA kun beeksiseera.
Akka mariin nageenyaa taasifamuu waggoottan Sadan darbaniif gaafachaa akka ture kan ibsee OLLAAn Sadaasaa 13 bara 2023, boordiin isaa mootummaa Ityoophiyaatii fi WBO dhaa xalayaa bareesuu isaa yaadachiisee, hawaasni dipilomaasii gareewwan lamman akka walitti fidhanii maryachiisan gaafachaa turuu isaa eree jira.
Hogganttonni WBO fedhii nageenyaaf qaban agarsiisuudhaan marii kana irratti hirmaachuu isaanitiif kan galateeffate OLLAAn gareewwan maricha irratti qooda fudhatan waligaltee garii akka malateessan abdii qabu ibseera. Fuula duratis maarii nageenyaa waligalaa irratti OLLAA dabalatee dhaabbileen mirga namoomafi falman, akkasumaas paartileen siyaasaa biroo akka irratti hirmaatan gaafatee jira OLLAAn.
Mariin ageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi WBO giduutti magaala Taanzaaniyaa Daaree Salaam keessatti kaleessa jalqabamuu isaa ibsa WBO waabeffachuudhan kan ibsee maddi oduu Rooyiters, marii kana ilaalchisee mootummaan Ityoophiyaa amma ammaatti ibsa ykn deebii akka hin kenine beeksisee jira.
Forum