Kibxata darbee qabee Taanzaaniyaa Daareselaam keessatti mariin geggeessamaa jiru jijjiirama gaarii agarsiisaa jiraachuu maddeen marii kanaaf dhiyeenya qaban VOAf ibsuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
WABOn mariin kun geggeessamaa akka jiru ibsa Wixata darbe baasen beeksisus waa’ee marii sanaa ragaa mul’inatti ibsuu irraa of qusatee kan ture mootummaan Itiyoophiyaa, mariin sun geggeessamaa akka jiru karaa ministrii dhimma alaa ofii beeksisee jira
Dubbi himaan ministeerichaa ambaasaadder Melles Alem ibsa tuuta oduuf har’a kennaniin, gaaffii gaazixeessota irraa ka’eef deebii ennaa kennan, yoom akka jalqabamee fi haala amma irra jiru ibsuu baatanis mariin sun garuu geggeessamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Wixata ibsa kenneen, ajajaa waraanaa walii gala isaa Jaal Marroo Dirribaa fi itti aanaa isaanii Jaal Gammachuu Abbooyyeetiin jilli geggeessame, marii araaraa sanaaf Taanzaaniyaa seeneera yoo jedhu waa’ee marii sanaa ragaa ga’aaf kan yeroo sababaan hin kennineef, hoogganoonni garee hidhate kanaa, adda waraanaa Oromiyaa irraa gara Taanzaaniyaatti ennaa adeeman nageenya isaaniif jecha jechuun isaa illee ni yaadatama.
Gama biraatiin dubbi himaa ministrii dhimma alaa Ambaasadder Melles Alem ibsa isaanii har’aa keessatti, guutummaa Itiyoophiyaa keessatti baatilee dhaaf addaan cite kan ture gargaarsi midhaan nyaataa kan dhaabbata gargaarsa misooma sadarkaa addunyaa Yunaayitid Isteetis, akka itti fufuuf walii galteen irra ga’uu isaa dubbataniiru.
USAID FI sagantaan nyaata addunyaa hanna gargaarsa namoomaa guddaa dabalatee akeeka hin barbaachisne irra oolaa jira jechuu dhaan baatii Bitootoessa darbee qabee guutummaa Itiyoophiyaa keessatti raabsaa kan ture deggersa midhaan nyaataa baatii Amajjii qabee guutummaatti addaan kutee tue.
USAID Kibxata galgala ibsa kenneen garuu, Yunaayitid Isteetis mootummaa Itiyoophiyaa waliin marii geggeessiteen gargaarsi midhaanii ilaalchisee fooya’ina guddaa gochuu isaa tuqee, kanaanis baatii itti aanuu qabee Itiyoophiyaa keessatti raabsii gargaarsa midhaanii akka itti fufu beeksisee jira. Murtiin kun fooya’uu hariiroo biyyoota lamaaniif akka gargaaru illee ambaasaadder Alem dubbataniiru.
Itti aanaa muummicha ministeeraa fi ministeerri dhimma alaa Itiyoophiyaa Demmeqee Mekonnin akkasumas Ameerikaatti ambaasaadderri Itiyoophiyaa Dr. Sileshii Beqqelee, USAID dhiyeessii gargaarsa midhaanii jalqabuuf murtoo irra ga’etti gammadanii Itiyoopohiyaan illee gammachuun simachuu ishee fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ibsaniiru.
Forum