Mariin araara Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti geggeessamaa ture kan boodanaa walii galtee irra utuu hin ga’amin xumuramus mariin itti dabalaa ni geggeessama jedhee kan abdatu ta’uu IGAD kaleessa beeksisee jira.
Deggersi IGAD fi michoota sadarkaa addunyaa jiraatus mariin kun milkaa’uu hin dandeenye.
Gareen lamaan marii Taanzaaniyaa keessatti geggeessamee fi lootee seentummaa waggoota shanii kan dhiiga dhangalaasisee fi siviloonni itti ajjeefaman xumuraan ga’a jedhame fooya’ina akka hin argamsiisneef walii walii isaanii himatan.
Barreesaan ol aanaan IGAD obbo Werqineeh Gebeyyeehu gareeleen lamaan dantaa uummata Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha adeemsa nageenyaaf cicha qaban akka itti fufan cimsanii gaafataniiru.
Qaamni lamaan dhimmootii hafaniif furmaata barbaaduu akkasumas marii marsaa haaraa ni jalqabu jedhanii abdachuu isaanii ibsi IGAD beeksiseera.
IGAD haala jiru hordofuu itti fufa, haala kana karaa nagaa furuuf gama lachuutiin deeggarsa hin raafamne kennuu dhaaf qophii dha.
Mootummaan Muummicha ministiraa Dooktar Abiy Ahimad fi bakka bu'oonni OLA'n marii marsaa jalqabaa baatii Eblaa fi Caamsaa keessas Taanzaaniyaa keessatti geggeessuun isaanii ni yaadatama jedha gabaasi Ajeens Firaans Pires.
Forum