Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo mootummaan isaanii jijjiirama seeraa hordofuun oomishtummaa guddisuuf jecha dhaabbilee mootummaa 35 ''birokraasii mootummaa gidduutti danqaman'' gara dhuunfaatti dabarsuu dhaaf qophii ta'uu kamisa har’aa beeksisaniiru.
Mootummaan isaanii ji’a darbe labsii privatization ykn kan dhuunfaatti jijjiiruu, fooyya’ee seera ta’e kan dhaabbilee mootummaa dhaabbilee dhuunfaatti gurguruun salphaa taasisu mallatteessee ture.
Labsiin fooyya’e kun hirmaannaa dameen dhuunfaa diinagdee keessatti qabu ol kaasuu irratti kan fuuleffate ta’uu pirezidaantichi yeroo sirna mallatteessuu sana irratti ibsaniiru.
Ruutooon dhaabolii jalqabaa 35 adda baasneerra jechuu dhaan Naayiroobii keessatti kan wal ga’an itti gaafatamtoota gabaa aksiyooniif ibsaniiru.
Itti dabaluu dhaanis mootummaan dhaabbilee mootummaa gara 100 ta'an ilaalchisee filannoowwan qorachaa akka jiru ibsuun, "dhaabbileen bu'aa guddaa argamsiisan... hedduun isaanii birokraasii mootummaa keessatti danqamaniiru, yeroo tajaajilli isaan kennaa jiran damee dhuunfaatiin qabamu haala gaariin dhiyeessuu danda'u" jedhan. "
Carraan kun akka jiraatu ni taasisana jedha.
Humna dinagdee Afrikaa Bahaa kun kaazinaan mootummaa duwwaa ta’uu, qaala'iinsa jireenyaa hammaachuu fi sharafni maallaqaa kufaa adeemuun baasii liqaa ishee deebisuu dhaaf rakkoon gatiin ol ka’uu mudachuu dabalatee qormaata hedduutu mudachaa jira.
Dhaabbanni Maallaqaa Sadarkaa addunyaa ji’a kana keessa Keeniyaaf liqii doolaara miiliyoona 938 irratti walii galuu isaa ibseera, Keeniyaas bara dhufu deebisuu kan qabdu boondii Yuuroo biiliyoona 2tu ishee eeggata.
IMF itti dabaluu dhaan mootummaan Ruutoo dhaabolii damee uummataa keessumaa kanneen humna ibsaa biyyoolessaa dhiyeessan fi daandii balalii biyyoolessaa Keeniyaa kanneen bara 2022 keessa kasaaraan isa mudate irratti jijjiirama akka taasisan gaafatee jira.
Baankiin addunyaa Wixata darbe akka jedhetti waggoota sadan itti aanan keessa biyya uummata miliyoona 53 qabdy deggeruuf doolaara biliyoona $12 ka gumaachu ta’uu beeksisee jira.
Keeniyaan hanga xumura baatii Waxabajjiitti kan baasuu qabdu liqaa shilingii triliyoona 10.1 kan irra jiru ta’uu ministriin mallaqaa ibseee jira. Kunis galii biyya keessaa kan walii gala sadii keessaa harka tokko.
Forum