Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insi Humnoota Mootumaa fi WBO Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa Keessatti Hammaataa Dhufuun Himame


Walitti-bu’insi Humnoota Mootumaa fi WBO Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa Keessatti Hammmaataa Dhufuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:36 0:00

Walitti-bu’insi Humnoota Mootumaa fi WBO Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa Keessatti Hammmaataa Dhufuun Himame

Walitti bu’iinsi mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu jiru naannoo Oromiyaa keessattuu naannolee Waraanni Bilisummaa Oromoo socho’aa jira jedhame keessatti hammaataa dhufuu isaa jiraattonni himan.

Bunoo Beddellee, Arsii, Arsii Dhihaa, godinaalee Wallaggaa, godinaalee Shawaa fi godinaalee Gujii lamaan keessatti walitti bu’iinsa adeemsifamaa jiruun lubbuun namaa baduu, qabeenyi barbadaa’uu, namoonni nagaa hedduun to’annoo hidhamuu jiraattonni Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Haayiluu Adugna Adunyaa Sagalee Ameerikaaf deebii kennaniin, nagaa fi tasgabbii Naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf hojii olaantummaa seeraa kabajchiisuu haala qindoomina qabuun mootummaan federaalaa fi mootummaan naannoo Oromiyaa cimsanii itti fufanii jiran, jedhan.

Komii jiraattonni dhiyeessan jiran ilaalchisee ammoo “garee hidhate socho’u “Shanee” tu lammiilee qulqulluu irratti haleellaa raawwachaa jira.” “jedhan.

Dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Idil Addunyaa Obbo Odaa Tarbii garuu, haleellaa lammiilee qulqulluu irratti raawwatame jedhameef mootummaa itti gaafatamaa taasisuun, kan mootummaan garee isaanii himatu fudhatama dhorkatan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG