Jiraataan Yaada isaanii Sagalee Ameerikaaf kennan tokko nageenyakoof sodaan qaburraa maqaan koo akka hin waamamne kan jedhan gaafa Sdaasa 13 guyyaa Kamisaa fi gaafa sadaasa 17 guyyaa Wiixataa halleellaa raawwateen ta’uu himanii, halleellaa kana eenyu akka raawwate garuu odeeffannoo akka hin qabne ibsaniiru namni yaada isaanii kennan kun. Garuu haleellaan kun kan raawwatame Amantaa fi Sanyii addaan baasuun Amaara irratti kan xiyyeeffatedha jedhaniiru namni yaada isaanii kennan kun.
Dhimma halleellaa raawwatameera jerdhamu kana ilaalchiisuun biiroo Komunikeeshinii Oromiyaatti hooganaa kan ta’an Haayiluu Addunyaa sagalee Ameriikaaf deebii kennaniin haleellaa akkasii kan raawwatu ABO Shaneedha jechuun waraana bilisummaa Oromoo komataniiru. Itti dabaluunis walitti bu’insaa saboota gidduutti akka ka’uuf kan hojjetu garee shororkeessaa kana jedhaniiru Haayiluun. Waraanni Bilisummaa Oromoo irra deddeebbiin himannaa irratti dhiyaatu kana hin fudhatu jedhamanii kan gaafatamana OIbbo Haayiluun himannaawwan akkasii haaluun amala garee Shororkeessaa kanaati jechuun deebisaniiru.
Gama waraana bilisummaa Oromoon dubbii himaa Idil Addunyaa kan ta’e Odaa Tarbii dhimma kanarratti gaafatamee sagalee Ameerikaaf deebii kenneen humni keenya naannoo sanatti tarkanfii fudhates ta’e uummata nagaa ajjeese hin qabu. Aanaa shirkaa keessa gaafa sadaasa 24 hanga 27 bara 2023 tti humna mootummaatiin tarkanfii fudhatameen namoonni nagaa , qabeenyaan hedduun barbada’eera. Manguddoota hawwaasa keessatti fudhatama qaban kanneen akka Sheeyik Usmaan Daawud faa, kanneen akka Sheeyik Awwal Mohaammad faa humnoota mootummaan ajjeefamaniiru jedhanii , mootummaan gochaa isaa kana dhokfachuuf jecha akka waan nuyi saba tokkorratti xiyyeeffannu fakkeessuun akkuma yeroo kaanii himannaa nurratti dhiyyeessa. Kun garuu dhugaa lafarra jirurraa fagoodha jedhe.
Aanaa Shirkaatti halleellaa raawwatame hordofee namoonni nagaa naannoo baadiyyaa keessa jiran qe’ee isaanii godaanuu namni yaada isaanii sagalee Ameerikaaf kennan ibsaniiru. Hoogganaan biiroo Komuunikeeshinii naannoo Oromiyaa Hayiluu Addunyaa humnoonni mootummaa naannoo sanatti eeegumsa taasisaa akka jiran himanii namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran gara qe’ee isaaniitti akka deebifamaniif koreen ijaaramee hojjechaa jira jedhaniiru.
Forum