Daabbileen hawaasa Oromoo Yunaayitid Isteets keessatti argaman, dhaabbileen amantaa fi dhaabbileen Siivikii Oromoo, mariin nageenyaa WBO fi mootummaa Ityoophiyaa gidduuti jaqabame akka itti fufu gaafachuudhaan waamichaa dhiheessanii jiru.
Mariin marsaa lammafaa jalqabamuu isaati fi hoggantoonni waraana Bilisummaa Oromoo fi kan mootummaa Ityophiyaa irratti hirmachuun isaanii rakkinichii karaa nagaadhaan ni hiikama abdii jedhu ummata keessatti umeen jajjabaachuu isaa kan beeksisee ibsii dhaabilee hawaasa Oromoo kun, marichii firii malee xumuramuun isaa akka isaan gaddisiisee ibsanii jiru.
Gareewwaan lammaan marichaa booddee sababa mataa isaanii dhiheesuudhaan walkomachaa akka turan kan hime ibsii dhaabilee oromoo kun, fuula durattis afaan qawwee cufuudhaaf wantii isaan daangessu akka hin jirre eeree, gareen kamiyuu waraanaan fedhii isaa bakkaan gahachuun akka waan salphaa hin taanee hubachiisee jira xalaayaan dhaabilee hawaasaa oromoo kun.
Gareewwan lamman hatattamaan dhukaasaa dhaabanii haallii gargaarsaa namoomaa akka mijatu akka taasisani ni kadhana kan jedhe ibsii dhaabilee hawaasa oromoo, mariin nageenyaa akka itti fufu abdii qabaachuu isaanii ilaalchisee ibsaa barreesaa olaanaa gareen IGAD irraa bahe jajudhaan
Gaanfa Afirikaatti jiilli addaa mootummaa Yunaayitid Isteets Maayik Hamer dhimmaa nageenyaa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa ilaalchisee koree mana maree bakka bu’ootaa irratti raga bahaniif galateeffatee jira.
Gareewwan naannoo fi kan adduunyaa akkasumas dhimmichaa warren dhiheenyatti hordofaa turan mariin marsaa itti anuu akka mijatuu dhiibaa mataa isaanii akka taasisan xalayaan dhaabbilee hawaasa Oromoo kun jabeessee jala muree jira.
Forum