Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti Rakkoon nageenyaa Hojii Gargaarsaa Danqe Jedha Koomishiniin Sodaa Balaa fi Hooggansa Hojii


FAAYILII: Paarlaamaa Itiyoophiyaa
FAAYILII: Paarlaamaa Itiyoophiyaa

Bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti rakkoon nageenyii dhabamuu gargaarsa dhiyeessuuf danqaa ta’u Komiishiinni yaaddoo balaa fi hoggansa hoji beeksisee jira.

Komiishinarri Komiishiina yaaddoo balaa fi hoggansa hojii kan ta’an Ambaasaaddar Shifarraaw Takle Maariyaam, har’a mana maree bakka bu’oota uummataa keessatti koree dhaabbatalaa kan dhimmoota alaa fi nagaa gabaasa nuusa waggaa dhiyeessee irratti, rakkoon nageenyaa hojiif danqaa ta’u ibsan.

Lammiwwan gargaarsa hatattamaa barbaadan Miliyoona 8 caalaaniif midhaannii dhiyaachuu danda’uu jiraachuu isaa dubbatanii, garu bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa bakka tokko tokkootti, sababaa rakkoo nageenyaa jiruun kan ka’e bakka deggeersii barbaachiisu mara guutuummaatti dhaqqabuun hin danda’amne jedhan.

Sababaa caamaa fi loolaa bishaaniin eeggattuu gargaarsa hatattamaa kana ta’an lammilee Miliyoona 5.3 dabalatee walii galaan namoonni Miliyoona 8.1 gargaarsa haatattamaa kan isaan barbaachisuu ta’u, Ambaasaaddar Shifarraaw ibsanii jiru.

Isaan kana keessaa kanneen harka caalaa ta’aniif mootummaan gargaarsa dhaqqabsisaa akka jiru ibsan.Ammaan dura gargaarsii kennamuu hannaaf saaxilamee akkasumas kaayyoo hin barbaachiifneef ooleera jechuun arjoomtonni addunyaa gargaaruu dhaabuun isaanii qormaata ture kan jedhan komishinarichi, walii galtee mootummaa waliin gaggeeffameen hojii gargaarsa dhiyeessuu kan jalqabamuu ta’uus, isa kanaan dura dhiyaataa ture irra harka 20 akka hin caallee ibsan jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG