Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dilbataa fi Wixata Lola Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Faannoo Gidduutti Axaayyeetti Geggeessameen Namoonni 10 Du'uun Himame


Shawaa Kaabaa
Shawaa Kaabaa

Godiina Shawaa kaabaa keessatti torban kana rakkoo nageenyaa mudateen lubbuun namoota nagaa darbuu isaa fi namoonnii hedduun naannoo isaanii gadhiisanii ba’anii akka turan jiraattonni magaalatti kan sagaleen Amerikaa dubbisee ibsanii jiru.

Raayyaa ittiisa biyyaa fi hidhattoota Faannoo giddutti walitti dhukaasa haaraa ka’e hordoofuun, walitti bu’iinsii saboota gidduutti ammaan dura ka’e ture akka hin hammaanneef jiraattonni yaaddoo qaban ibsanii jiru.

Bulchaan magaalaa Axaayee Obbo Asaallif Darribee, namoota nagaa irratti du’aa fi godaansii dhaqqabu amanee, lakkoobsii isaanii garu erga qorannaan gaggeeffame booda kan ibsamuu ta’u beeksisee jira.

Bulchaan godiina saba oromoo Obbo Ahmad Alii, walitti dhukaasii naannootti dhaga’amaa ture, gandeen saba oromoo keessatti yaaddoo uumee akka ture ibsuun, godiina shawaa kaabaa fi godiina saba oromoo irraa maanguddoota biyyaa abbotii amantii fi hoggansa jiru gidduutti mariin waan gaggeeffameef jecha rakkoon ituu hin hammaatiin to’achuun danda’ameera jedhan.

Bulchiinsii naannoo Amaaraa ibsa baaseen, kanneen seeraan ala gurmaa’uun sochii hidhannoo keessa jiran kam iyyu, guyyaa 7 keessatti iddoo itti walgahaaniif addatti qophaa’ee kan naannoo isaanii jiruutti deemuun gara jireenya nagaatti deebi’aa jechun bellamnii kenne har’a guyyaa lama guutee jira.

Ta’uus garu baatilee darban afuuriif bulchiinsa naannoo sana keessatti itti fufee kan jiru rakkoon nagaa namoota hedduuf du’a, qaamaa hir’achuu fi godaansaaf sababaa ta’uun isaa itti fuufeera jechuun Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG