Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Waraanaa Isiraa'el Reeffa Loltoota Isaa Lamaa fi Nama Nagaa Hamaasiin Onkoloolessa 7 Ukkaamfate Tokko Deebifachuu Isaa Beeksise


Faayilii: Loltoota Israa'el kanneen Dugdee Gaazaa keessaa Muddee 14, 2023.
Faayilii: Loltoota Israa'el kanneen Dugdee Gaazaa keessaa Muddee 14, 2023.

Humni waraanaa Israa’eel Jimaata har’aa akkaa beeksisetti reeffa loltoota isaa lamaa fi nama nagaa uukkamfame tokko kan gaafa Onkoloolessa 7 garee Hamaasiin tarkanfiin irratti fudhatame deebiseera jedhe. Lolli Gaazaa keessatti humnoota Hamaasii fi Israa’eel gidduutti taasifamu Jimaata kanas ittuma fufee wayita jiru kanatti Yuunaayitid Isteetsi tarsiimoo waraanaa Israa’eel taasisaa jirturratti dhiibbaa godhuu akkauma fuftetti jirti. Manni Murtii Dach immoo Neezeerland Xiyyaarota waraanaa Israa’eef akka ergitu murteessee jira. Gareen mirga namoomaaf falamanimmoo Israa’el Jeettiiwwan F- 35 waraana kanarratti fayyadamaa jirti jedhanii kunimmoo Seera Idil Addunyaa kan dhiibu waan ta’eef , Neeezerlaandirraa gara Israa’eelitti akka hin dabarfamneef gaafachaa jiru.

Yuunaayitid Isteetsi Israa’eel garee hamaasa isa Ameerikaa Gamtaa Awurooppaan Shoroorkeessaa jedhame akka cabsitu malee qabiyyee lafaa akka babal’isattuuf fedhii hin qabdu. Gorsaan Nageenya biyyaaleessaa Yuunaayitid Isteetsi Jake Sulivaan Jimaata Telviiv tti ministira muummee Israa’eel Beenjaamiin Neetaanyaahuu fi ministira humna waraanaa Israa’eel Yo’aav Galaant waliin erga marii’ataniin booda ibsa kennaniin ,Ameerikaan Israa’eel Gaazaa deebistee qabachuun ishee hiika hin qabu, Sirriis miti jettee amanti jedhan.

Humni waraanaa Israa’eel Jimaata kana akka beeksiseetti Gaazaa keessatti halleellaa Hamaas irratti fudhachaa jiruun jimaata kana Kutaa She’I jaa’ii keessatti kan argamu bakka ajajaa fi to’annoo garee Hamaas kan ta’e barbaadeesseera jedhe.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG