Xurree ittiin seenan

Breaking News

Matamaa Keessatti Namoonni 28 Gadi Hin Taane Humnoota Hidhataniin Butamuun Gabaasame  


Gondor, Matammaa
Gondor, Matammaa

Naannoo Amhaaraa Godina Gondor Aanaa Matammaa, ganda Meqaa jedhamuun waamau bataskaana Mikaa’eel keessaa Dilbata darbe galgala humnoonni hidhatanii jiran gara mooraa bataskaanichaatti seenuun namoota 12 kanneen barnoota Amantaa barachaa jiran butanii deemaniiru. Erga butanii deemaniis maatiitti bilbilchiisuun maallaqa baayyee guddaa ta’e nu gaafachaa jiru jechuun maatiin warra butameeruu kan nageenya isaaniif maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Wiixata darbe guyyaa keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii 8 tti Gendawwaa irraa gara Gondoritti konkolaataa Minii baasii namoota fe’ee deemaa jiru bakka addaa Dereq Abbaay jedhamee waamamutti humnoonni hidhatanii socho’an namoota 16 butanii fudhanii erga deemaniin booda maatiitti bilbilchiisuun maallaqa guddaa ittin gadhiisisan gaafataniiru jechuun maatiin warra butamee himaniiru.

Aanaa Matammaattiifi naannoo isheetti torbaan darberraa kaasee namoonni butamuu fi ajjeechaan babal’achaa dhufuun na yaaddesseera kan jedhe paartiin Dimookiraasawwaa Qimaanti Mootummaan nageenya UUmmataa akka eeguuf waamicha dhiyyeesseera.

Dhimma kanarratti angawoota naannichaarraa deebii argachuuf yaaliin taasifne har’aaf hin milkoofne, jetti gabaasutuun Sagalee Ameerikaa Aster Misgaanaaw.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG