Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Guduruu Keessatti Wixata Dabre Namoonni Nagaan 8 Haleellaa Dirooniitiin Ajjeesaman, Jedhame


Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Guduruu Keessatti Wixata Dabre Namoonni Nagaan 8 Haleellaa Dirooniitiin Ajjeesaman, Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:34 0:00

Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Guduruu Keessatti Wixata Dabre Namoonni Nagaan 8 Haleellaa Dirooniitiin Ajjeesaman, Jedhame

Addi Bilisummaa Oromoo ABO’n ibsa tibbana baaseen godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu keessatti Wiixata namootni Saddeet haleellaa dirooniitiin ajjeesaman, jechuun ibsee jira. Gara boodaa gabaasaa madda oduu Rooyiters irraa dhaqqabeen, haleellaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti mootummaan raaw’ate jedhame kana ilaalchisee, dubbi-himaan mootummaa Itiyoophiyaa Leggesee Tulluu “dhara” jechuun deebii kennan. “Kun tasumaa oduu dharati’ jedhan, himannaa mootummaa irratti dhihaate kanaaf yeroo deebisan.

Koomishiniin Mirga namoomaa Itiyoophiyaa gama isaatiin waa’ee haleellaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa sanaa eeruun isa dhaqqabuu isaa himee, dhimma isaa qulqulleeffachuuf akka qoraqtaa jiru, hoogganaan waajira Koomishinichaa Rooyitersitti himanii jiran. Ammmaan dura himannaalee wal-fakkaatoo kan deebii kennanii turan dubbi-himaan mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Hayiluu Addunyaa ammoo “Mootummaan hidhattoota “ABO Shanee” jechuun waaman irratti tarkaanfii fudhachaa jira. Tarkaanfichi kan uummata nagaarratti fudhatamu miti” jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama. Gama biraan, Godinuma Horroo Guduruu Aanaa Amuruu Magaalaa Oborraa keessatti Kibxata darbe humnootni naga eegumsaa mootummaa shan hidhattootaan ajjeesaman, jechuun kantiibaan magaalichaa dubbatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG