Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa Waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaand Mallatteessan Ilaalchisee Mirgi Somaaliyaa Akka Kabajamu Jabeessee Gaafate 


Gamtaa Awrooppaa
Gamtaa Awrooppaa

Itoophiyaan Somaaleelaandii addaan baate waliin waliigaltee falmisiisaa erga mallatteessitee booda, Gamtaan Awurooppaa Kibxata kaleessaa abbaa biyyummaan Somaaliyaa kabajamuu akka qabu cimsee hubachiisee jira

Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi hogganaa Somaliland Musee Bihi Abdiin gidduutti Waliigaltee Wiixata dabree mallatteessan kun, Itiyoophiyaan buufata doonii Galaana Diimaa Berbera kallattiin akka itti fayyadamtu akkasumas buufata waraanaa liiziidhaan akka argattu taasisa.

Gamtaan Awurooppaa ibsa baaseen ''tokkummaa, abbaa biyyummaa fi daangaa Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa kan bu'uura heera ishee, Chaartara Gamtaa Afrikaa fi Tokkummaa Mootummootaan beekamuu, kabajuun barbaachisaa ta'uu yaadachiisuu barbaanna'' jedheera.

“Kun nagaa fi tasgabbii naannoo Gaanfa Afrikaa guutuummaaf dhimmi ijoo dha” jedha ibsi dubbi himaa Gamtaa Awurooppaa ba’e.

Somaaliyaan Kibxata kaleessaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaandi gidduutti taasifame ''weeraraa'' jechuun waamtee daangaa ishee eeggachuuf dhaadatteetti.

Mootummaan Moqaadishoo jirus Ityoophiyaatti ambaasaaddara isaa waamuun hawaasni addunyaa ''haleellaa ifatti'' abbaa biyyummaa isaa irratti raawwatamaa jiru cinaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeessee jira.

Waliigaltee falmisiisaa Itoophiyaa fi Somaaleelaandii tolfatan mormuuf namoonni istaadiyeemii Konis isa magaalaa Moqaadishoo keessa jiruutti walitti qabamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG