Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid States, Gamtaan Afrikaa fi Qaamonni Biroon Waliigaltee Itiyoophiyaa Fi Somaaliilaand Mallatteessan Ilaachisee Ibsa Baasaa Jiran 


Yunaayitid States, Gamtaan Afrikaa fi Qaamonni Biroon Waliigaltee Itiyoophiyaa Fi Somaaliilaand Mallatteessan Ilaachisee Ibsa Baasaa Jiran 
Yunaayitid States, Gamtaan Afrikaa fi Qaamonni Biroon Waliigaltee Itiyoophiyaa Fi Somaaliilaand Mallatteessan Ilaachisee Ibsa Baasaa Jiran 

Waliigaltee fayyadama buufata doonii Ityoophiyaadhaa fi kutaa biyya Somaaliyaa irraa fottoqxe, Somaalilaand giduutii dhiheenya kana malateeffamee hordofuudhaan ibsa kan kenne mootummaan Yunaayitid Isteets, kutaa somaalilaandif beekumtii biyyummaa akka hin kenine beeksisee jira.

Mootummaan Yunaayitid Isteets Roobii kaleesaa ibsaa kenneen, kutaa Somallaandii fi beekumtiin kennamuu isaa akka hin fudhannee ibsee akkaataa sarara daangaa bara 1960 taasifameen biyyummaa Somaliiyaa akka fudahtu beeksise jira. Itti dabaluudhaanis muddama yeroo ammaa Ityoophiyaadhaa fi mootummaa Somaaliyaa gidduutti mulachaa jiru laafisuudhaaf biyyoottan lamman gidduutti mariin atattamaan akka taasifamuu gaafatee jira.

Dubbii himaan ministeeraa dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Maatiwu Miileer oduu gabaastotaaf dhimmicha ilaalchisee ibsa kennan irraatti, yaaddoo fi xiyyeeffannaan Yunaayitid Isteets qabduu yaadoo biyyoottan biroo qabanii wajjin walfakkaataa ta’uu isaa ibsanii jiru. Akkasumas haalichii gaanfaa Afrikaa keessaati jeequumsaa kan uumu ta’uu isaa akka himan gabaasameera.

Baaydhina namaa miiliyoonii Afurii fi walakkaa kan qabduu kutaan Somalilaand bara 1991 jalqabee biyyaa Somaliyaa irraa addaan bahu ishee labsuudhaan bulchiinsa mataa ishee kan ummate ta’uun ishee ni beekama. Haata’uu malee amma ammaatti biyyoottan akka biyyaatii beekuumitii kennaniif hin jiranu.

Karaa biraatin waligaltee Kanaan walqabatee Afrikaa bahaa keessatti akka muddamnii hin babalanne gamtaan Afrikaa gaafatee jira.

Dura taa’an komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mohaamat ibsaa basaaniin Ityoophiyaanii fi Somaliyaan wal hubannoodhaa fi walkabajiidhaan waldhabdeen yeroo amma mulachaa jiru akka hin babalanee taasisuu akka qaban waamichaa dhiheesanii jiru.

Biyyoottan lamman halaa nageenyaa biyyoottan baha Afrikaa booreesuu irraa akka of qusatan gaafatanii waldhabdee isaanii hiikuudhaaf atattamaan akka marii taasisan Musaa Fakii Mohaamat gaafachuun isaaniis gabaasameera.

Waliigalteen wixata dheengaddaa mootummaa Itiyoophiyaa fi kutaa Somaalilaand gidduuti taasifame, birmadummaa Somaaliyaa irratti weeraraa fi haleellaa ifatti raawwatameedhaa jechuudhaan kan mormee mootummaan Somaaliyaa, birmadummaa daangaa isaa egsisuudhaaf tarkaanifii akka fudhatu ibsuu isaa dhaabbanii oduu Ajaans Fraans Prees gabaasee jira.

Karaa biraatiin dhaabanni yumisa Musiliimaa ibsaa kamisaa har’aa jidhaa irraa baaseen birmadummaan daangaa biyyaa miseensa isaa taate kan Somaaliyaa akka kabajamuu qabuu qaafatee jira.

Akkasumas, Liigiin biyyoottan Arabaa gamaa isaatiin ibsaa baaseen waliigaltee fayyadama buufata doonii mootummaa Ityoophiyaa fi kutaa Somaaliland gidduutti taasifame mormee haalichi birmadummaa Somaaliyaa waan dhiibuuf murtoo kaabineen mootummaa Somaaliyaa dabarsee akka deggeru dubbii himaan barreessaa muummee Liigii biyyoottan Arabaa Gamaal Roosheedii ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG