Kutaa daangaa Sudaanii fi Sudaan kibbaa irratti argamuufi Abiyee jedhamee beekamu keessatti haleellaa hidhatootaan raawwatameen miseensotaa naga eegdota mootumoota gamtoomanii dabalatee namoonni hedduun ajjeefamuun isaanii gabaasameera.
Maddii oduu Rooyters Ministeera odeeffannoo mootummaa Sudaan kibbaa Bulii Kooch waabeeffachuudhaan akka gabaaseetti dargaggoonni qawwee hidhatan kutaa Sudaan kibbaa Waaraap irraa gara kutaa Abiyeetti ce’uudhaan dhukaasaa bananiin ijoollewwan, haadhoolii fi miseensotaa waraanaa nagaa eegdotaa lama irratti ajjeechaa raawwatanii jiru.
Namoottan du’anii alatis namoonni 60 ta’an madaa’uu isaanii, siviilonni dhibbaan lakkaawaman immoo qe’ee isaanii gaddi lakkisanii mooraa waraanaa naga eegdootaa kan mootumoota gamtoomanii keesaa qubachuu isaani ministeerri odeeffannoo Sudaan kibbaa dabalanii ibsaniiru.
Kutaan Abiyee bakka gaazii Boba’aa qabuu fi mootumman Sudaan kibbaa fi mootummaan Sudaan kan irratti wal falmaa jiran waan ta’eef dhaabbanni mootumoota gamtoomanii kutaa sana keessa waraana isaa qubachiisuudhaan eegunsaa taasisaa akka jiru ni beekamaa. Haleelaa torban kana raawwatee Kanaan miseensotaa naga eegdotaa keessaa lammii Gaanaa fi lammii Paaksitaan kan ta’an loltoonni lamma akka ajjeefaman ajajjinni umna naga eegdotaa kan kutaa Abiyee inni “UNISFA” jedhamee beekamu mirkaneesse jira.
Kutaa Sudaan kibbaa kana keessatti garee gosaa Diinkaa fi gosa Nuweer gidduutti waliti bu’insaa raawwatamuun bara 2013 amma bara 2018 keessatti namoottaan kuma dhibbaan lakkawaaman ajjeefamuu isaanii kan ibsee gabaasinii madda oduu Rooyiters, kaayyoon hidhatootaa haleellaa tibbana kana raawwatanii maal akka ta’e addaan baasee hin ibsine.
Forum