Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Shororkeessummaa Naannoo Afrikaa fi Walitti-Bu'insi Jiru Afgaanistaan Keessatti Hammaatee Jira: Ogeeyyiin Tokkummaa Mootummootaa


Balaan Shororkeessummaa Naannoo Afrikaa fi Walitti-Bu'insi Jiru Afgaanistaan Keessatti Hammaatee Jira: Ogeeyyiin Tokkummaa Mootummootaa
Balaan Shororkeessummaa Naannoo Afrikaa fi Walitti-Bu'insi Jiru Afgaanistaan Keessatti Hammaatee Jira: Ogeeyyiin Tokkummaa Mootummootaa

Sodaachiisii Balaan shororkeessummaa al-Qaayidaa, garee Islaamiik Isteetis fi kanneen isaan waliin hidhata qaban irraa dhufu, naannoo waldhabdee jiru kan Afrikaa fi Afgaanistaan keessatti ol’aanaa ta’ee jira jechuun ogeeyyiin Tokkummaaa Mootummootaa gabaasa haaraa baasaniin hubachiisaniiru..

Kana malees Awurooppaa dabalatee naannolee tokko tokko keessattis sadarkaan sodaa balaa dabaleera jedhu.

Gareen ogeeyyii kun gabaasa fuula 23 qabu kana keessatti, hariiroon bulchitoota Taalibaan kan Afgaanistaan fi al-Qaayidaa gidduu jiru ammallee cimaa ta’u ibsuun, biyyoonni miseensa ta’an maqaan isaanii hin ibsamne immoo “gareewwan shororkeessummaa baay’inaan” biyyoota lamaan keessatti jiraachuun isaanii haala nageenya naannichaa miidhaa jira jechuun gabaasan .

Balaan guddaan Afgaanistaan keessatti ammallee kan dhufu garee Islaamiik Isteetis biraa ta’u kunis “dandeettii naannoo sanaa fi sanaa ala pirojektii qabaachuu isaatiin,” ta’u ogeeyyiin kun gabaasa Mana Maree Naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaf ibsan.

Haleellaan ollaa Iraanii fi Paakistaan keessatti walduraa duubaan raawwatamuu fi biyyoota Eeshiyaa Giddugaleessa keessatti doorsisa akka mul’atu akeekaniiru

Biyyoonni miseensa Tokkummaa Mootummootaa ta’anii fi maqaan isaanii hin ibsamne tokko tokko, dhiibbaan cimaan hojii farra shororkeessummaa Siiriyaa fi Iraaq keessatti geggeeffamu irraa dhufu, gareen Islaamiik Isteeti hoggansa isaa fi “wiirtuu humna jabaa qabu ” gara Afrikaa ykn Afgaanistaanitti sochoosuu akka danda’u kan kaasu yoo ta’u, Afrikaan kun ta’uuf carraa guddaa akka taatuu madaalaniiru jedhan ogeeyyiin kunneen.

Afrikaa Dhihaa fi kutaa Saahel naannoo waldhabdee jiru keessatti “hokkaraa fi doorsisii hammaateera” jechuun biyyoota miseensa Tokkummaaa Mootummootaa ta’an yaaddoo qaban ibsaniiru jedha gareen kun. Kunis “hanqina dandeettii farra shororkeessummaa” kan agarsiisu yoo ta’u, gareewwan Islaamiik Isteetii fi gareewwan al-Qaayidaa waliin hidhata qaban itti fayyadamuu itti fufaniiru

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG