Gurgurtaan humna ibsaa Sudaan sababaa wal waraansa biyya hollaa keessaatiin danqamuu isaa Itiyoophiyaan beeksistee jirti. Dubbi himaan Abbaa taayitaa ibsaa Itiyoophiyaa Moges Mekonnin VOAf akka himanitti, Itiyoophiyaan biyyootii gaanfa Afriikaa sadiif humna ibsaa ergaa kan jirtu yoo ta’u, walitti bu’iinsi Sudaan keessaa waggaa kana karoora jiru irra dhiibbaa kaa’ee jira jedhan.
Yeroo ammaa Jabuutii, Sudaanii fi Keeniyaa dhaaf Megawatt 100 -200 ergaa kan jirtu ta’uu kan ibsan daayriktrichi obbo Moges Mekonnin, waggaa kana kan karoorfamee ture doolaara miliyoona $66.2 keessaa galiin doolaara miliyoona $47.5 argamuu isaa ibsaniru.
haalli kun humna ibsaa Sudaanitti gurguramu kan gad cabse yoo ta’u, kunis Itiyoopiyaan karoora ishee kan walakkeessa waggaaf qabdu keessaa dh ibba irraa harka 68 qofaa akka gurgurtu dirqiseese jedhan.
Dubbi himaan kun akka jedhanitti sababaa wal waraansa sanaan Sudaanis tajaajila ibsaaf kan baastu doolaara miliyoona $78 utuu hin kaffalin hafteetti. Akkas ta’ees jedhan, hanga rakkoon jiru nagaa dhaan furmaata argatutti, Itiyoophiyaan akka michuu daldalaa amanamtuu taateetti Sudaaniif humna ibsaa erguu itti fufti. Qeeqxonni akka jedhanitti biyyatti keessa fedhiin jiru hin guutamne jedhan.
Itiyoophiyaan gurgurtaa humna ibsaa biyyootii hollaaf ergitu irraa waggaa darbe doolaara miliyoona $101 argachuu isaa kan ibsan daayrikterichi, galiin ishee yeroo yerootti guddataa akka deeme tuqaniiru. Dhiyeessii kanas biyyootii ka birootti babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Biyyoonni humni ibsaa akka dhiyaatuuf fedhee agarsiisaan jedhaman keessaa Taazaaniyaan tokko ta’uu ishee obbi Moges ibsanii, biyyattii waliin mariin geggeessamaa jiru yeroo dhiyoo gara hojii irra ooluutti deema jedhaniiru.
Gurgurtaan humna ibsaa Itiyoophiyaa guddataa adeemus fedhiin biyya keessaa utuu hin guutamin akkamiin alatti gurgurama jechuun gaaffii irra deddeebi’ee ka’uuf obbo Moges gaafatamanii ennaa deebisan, inni kun gama addaan ilaalamuu qaba, kunis dhiyeessii humna ibsaatu hanqate utuu hin taane bu’uuraaleen misoomaa gandeenii fi magaalaalee haaraa ijaaraman keessatti waan hin diriirreefii jedhan. Magaalaalee keessaa immoo hanqinni kan inni mul’atuuf sababaan bu’uuraaleen misoomaa waan dulloomaniif jecha haaromsuu isaa iirratti hojjetamuu qaba jedhanii, biyyattiin humna ibsaa irraa hafaa waan qabduuf biyyootii ka birootti gurgurmaa jira jedhan jechuu dhaan Gebremika’el Gerbremedin gabaaseera.
Forum