Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazzexeessaan Faransaay Torban Dabre Itiyoophiyaa Keessatti Hidhamee Ture Kaleessa Gad-Lakkisamuun Beekame 


Gaazexeessaan Faransaay torban darbe Itiyoophiyaa keessatti jeequmsa uumuuf shira xaxeen shakkamee to'annoo jala oole Kamiisa kaleessaa gadhiifamuu isaa hojjechiisaan isaa kan maxxansa addaa Africa Intelligence beeksisanii jiru
Gaazexeessaan Faransaay torban darbe Itiyoophiyaa keessatti jeequmsa uumuuf shira xaxeen shakkamee to'annoo jala oole Kamiisa kaleessaa gadhiifamuu isaa hojjechiisaan isaa kan maxxansa addaa Africa Intelligence beeksisanii jiru

Antuwaan Gaaliindoo ''torban tokkoof hidhaa erga turee booda bilisa bahee gara Paarisitti deebi'uuf Finfinnee keessaa bahuu danda'eera,'' jechuun gulaalaa olaanaa maxxansichaa Pool Daayik man dhaabbata oduu Ajaans Fraans Preesiif himaniiru.

Kutaa Afrikaa Bahaaf maxxansa kanaa kan hoogganan Gaalindoon, jalqaba baatii kanaa yaa’ii gamtaa Afrikaa gabaasuuf gara Itoophiyaatti kan imalee yoo ta’u, Guraandhala 22 to’annoo jala oolee.

Angawoonni oduu gabaasaa ganna 36 kun biyyattii keessatti ''jeequmsa uumuuf'' shira xaxeera jechuun himataniiru. Finfinnee gadhiisee osoo hin ba'iin dura AFP'tti akka himanitti, "Nagaa ta’u isaa fi fayyaa gaariis qaba" jedheera.

Haalli hidhaa keessaa rakkisaa ta'uu ibsullee, ''akka gaariitti na ilaalameera,'' jechuun ibse.

Pool Daayik man akka jedhanitti, Galindo gadhiifamuun isaa hojjettoota Afrikaa Intelligence, kanneen isa waliin deebi'anii wal arguuf fedhii guddaa qabaniif ''boqonnaa dhugaa'' ta'eera.

Galindoon aanga'aa paartii mormituu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin Hoteela Finfinnee tokko keessaatti wal arganii gaaffii fi deebii taasiisuuf osoo jiranii to'annoo jala oolfaman. Qonndaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa gaazexeessicha waliin har’a akka mana murtiitti dhihaatan kan beellamni qabamee ture yoo tahu, obbo Batteen qofaa isaanii manicha murtiitti dhiyaatanii poolisiin ragaa dabalataa irratti barbaaduuf beellama guyyaa shanii gaafatee manni-murtichaa akka eyyameef himamee jira.

Dilbata darbe abbaa murtii duratti kan dhiyaate yoo ta'u, hidhamni isaa hanga Bitooteessa 1 har’atti akka dheeratu ajajii kenname.

Dubbi himtuun mootummaa Ityoophiyaa Selamawit Kaasaa Roobii darbe akka jedhanitti, Galindoon yaa’ii gamtaa Afrikaa akka gabaasuuf hayyamni kennameeraaf.

Garuu waan ''sababni daawwannaa isaa waliin guutummaatti wal faallessu irratti bobba'ee ture, keessumaa odeeffannoo dhimma siyaasaa keessoo biyyatti waliin walqabatu walitti qabaa ture,'' jechuun ibsan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG