Hooggantoonni biyyoota Gamtaa Awurooppaa walii galtee dorgommii haaraa Awurooppaa jedhu irratti Roobii kaleessaa falmii taasisaniiru.
Gamtaan Awurooppaa garee biyyoota 27 kan of keessatti qabate Indaastiriiwwan naannicha keessa jiran kan warra Ameerikaa fi Chaayinaan yommuu madaalaman duubbatti hafaniiru sodaa jedhurraa ka’uun walii galtee haaraa ta’uu ibsameera.
Haala siyaasa teessumaa lafaa gidduu galeessa godhatee addunyaarratti mul’ataa jiruun , keessumaa waraana Raashiyaa fi Yuukireen akkasumas muddamni biyyoota baha gidduu galeessaatti dabalaa dhufuun qormaata diinagdee fidee dhufa jechuun hoggaantoonni biyyoota gamtaa Awurooppaa tarkaanfii hatattamaa barbaachisa jechuun walii galteen dorgommii haaraan kun akka barbaachisu himu.
Chaayinaa , Yuunaayitid Isteetsii fi Gamtaan Awurooppaa Addunyaa kanarrrati warra diinagdee harka jireessaan qabatana yommuu ta’an waggoota 30 darban keessattimmoo kan biyyoota Awurooppaa kufaa dhufeeras jedhameera.
Hooggantoonni gamtaa Awurooppaa Biraasilsitti amma wixinee haaraa dorgommii diinagdee jedhaurratti wal falmaa jiran kan dhiyyeessan ministirri muummee Xaaliyaanii duraanii Eniriikoo Littaa Yuunaayitid Isteetsi oomisha biyya kessaa fayyaduuf deeggarsi taasisaa jirtu Invastimantii Awurooppaarraa harkisuu fi Ardii kana keessattimmoo Indaastiriiwwan hojii akka dhaabaniif balaaf saaxiluu danda’a yaaddoo jedhuuf deebii kennuuuf akka ta’e himanii Amma eroon balleessinu hin jiru garaagarummaan diinagdee Gamtaa Awurooppaa fi Yuunaayitid Isteetsi gidduu jiru akka malee guddateera jedhan. Bara 1993 irraa hanga bara 2022 tti diinagdnee Yuunaayitid Isteetsi dhibbeentaa 60 irra yommuu ga’u kan Gamtaa Awurooppaammoo dhibbeentaa 30 qofas jedhan.
Pireezidaantiin mana maree gamtaa Awurooppaa Chaarliis Misheelis gamticha keessatti Invastimantii dabalataa barbaacisa jedhaniiru.
Forum