Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatii Tokko Keessaa Obboloota 6 Dooktaroota Tajaajila Fayyaa Namaa Tahanii fi Tokko Barnootasaarra Jiru  

Maatii Tokko Keessaa Obboloota 6 Dooktaroota Tajaajila Fayyaa Namaa Tahanii fi Tokko Barnootasaarra Jiru  
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:18 0:00

Maatii tokko Obboloonnii dhiira 3 fi dubartootaa 2 dooktora eegumsa fayyaa namaa tahuun hojjataa turaniiru. Obboleessi 6ffaan dhiyeenya kana tooruma barnoota sanaan dooktarummaan eebbifame. Inni torbaffaan ammoo barnoota sanaan waggaa sadaffaa xumure afuraffaa qabatee jira.

Warri ogeeyyii kanaa abbaa isaanii qofa tu haga kutaa ja’affatti baratee, itti fufuu hanqatee hafe. Haati hin baranne. Maatiin isaanii qonnaa fi daldalaan jiraatu. Waa’ee giddina isaanii, kaka’umsaa fi naamumsa barnootaaf qaban, haala hojii isaanii ammaa fi karoora isaanii fuul-duraa irratti Sagalee Ameerikaa waliin dubbatanii jiran. Obboloota kanneen keessaa Jaallanneen Dr Bashaanaa Mirreessaa Naqamtee irraa akkasumas Dr. Shaggituu Mireessaa Amboo irraa dubbistee jirti. Dr Bashaanaan waan jedhuun eegala qophiin keenya.

Forum

XS
SM
MD
LG