Prezidaant Joo Baayiden tarkaanfii bal’aa kan bara filannoo fudhataniin godaantota Yunaaaytid Isteetes keessa karaa seera qabeessa hin taaneen jiraatan kuma dhibba hedduu ta’aniif, tarkaanfii gargaaru fudhachaa jiru.
Kunis jalqaba baatii kanaa irratti tarkaanfii cimaa daangaa biyyatti irratti fudhataniin kan falmiitootaa fi seera baastoota paartii Dimookiraatotaa hedduu dallansiise madaaluu irratti kaayyeffatee akka ta’e ibsamee jira.
Waayit Haawus har’a akka labseetti, bulchiinsi Baayiden, ji’oota dhufan keessatti, haadha warraa ykn abbaa warraa lammiilee Yunaaytid Isteetis ituu qabanii Amerikaa keessa seeraan ala jiran hanga tokko, ehama jireenyaa kan booda gara lammummaa biyyatti argachuutti isaan geessuuf akka iyyata galfatan beeksisee jira.
Tarkaanfiin kun godaantota walakkaa miliyoonaa ol ta’an irratti jijjiirama fiduu akka danda’u qondaaltonni olaanoo bulchiinsa Baayiden himaniiru.
Ulaagaa kanaa guutuuf, godaanaa ykn godaantuun tokko hanaga Wiixata kaleessaatti waggaa 10f Ameerikaa keessa jiraachuu fi lammii Amerikaa fuudhuu ykn itti heeruumuu qabu. Iyyanni godaantota ulaagaa guutuu yoo mirkanaa’e, Green Card ykn ehama jireenyaaf iyyachuuf yeroo waggaa sadii qabu. Akkasumas hayyama hojii yeroof argachuu fi Amerikaa keessaa ari’amuu jalaa baraaramuu.
Ijoolleen lammiilee hin taane gara 50,000 ta’an kanneen abbaan warraa isaanii lammii U.S. waliin gaa’ela godhate qabanis adeemsa walfakkaatu kanaaf ulaagaa guutuu akka danda’an qondaaltonni bulchiinsa olaanoo yaada kana ilaalchisee gabaasaaf ibsa kennaniin maqaan isaanii akka hin dhahamne ibsaniiru.
Ijoolleen lammiilee Amerikaa hin taane gara 50,000 ta’an kanneen warra isaanii keessaa tokko lammii Amerikaa waliin gaa’ela dhaabatte qabanis adeemsa walfakkaatu kanaaf ulaagaa guutuu akka danda’an qondaaltonni bulchiinsa Baayiden olaanoo yaada kana ilaalchisee gabaasaaf ibsa kennanii fi maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan ibsaniiru.
Kanneen gaa'elaa dhaaban yeroo hammamiif gaa'ela keessa turuu akka qaban ulaagaan ka’amee hin jiru. Garu, Wiixata kaleessaa Waxabajjii 17, 2024 boodas namni ulaagaa kana guutuu iyyannoo galfachuu hin danda'u. Kana jechuun godaantotni Waxabajjii 17, 2024 booda yeroo kamiyyuu waggaa 10 sana gahan sagantichaaf ulaagaa hin guutan jedhu qondaaltonni.
Forum