Namoonnii kaleen isaanii dhukkubsachuu irraa kan ka'e hojii dhaabe tajaajiila fayyaa Daayaalisiis(Dialysis) jedhamuun fayyadamuun dirqama. Tajaajiila kana argachuuf baasiin gaafatu dhaabbattoota fayyaa kan dhunfaa keessatti akkaan guddaa ta'u fi hospitaala mootummaa keessatti tajaajilamuuf immoo yeroo dheeraa eeguu akka gaafatu kanneen dhukkubsatan ni ibsu. Marii ogeessa waa'ee kalee Dr Kaasaahun Bantii fi ogeessa dhukkuuba sukkaaraa Dr Abduraazaaq Ahmad akkasumas dargaggoo tajaajiila Daayaalisiis irra jiru Gammachis Buusaa dubbifnee jirra Caqasaa.
Forum