Pireezidaant Joo Baayideenii fi kaadhimamaan paartii warra Rippaabulikaanii akkasumas Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi duraanii Doolaand Tiraamp galgala kana falmii turtii daqiiqaa Sagaltamaa kan CNN’n Atilaantaatti qophaa’e irratti falmii duula na filadhaa taasisuuf deemu. Sagantaan kun seenaa keessatti sagantaa falmii duula na filadhaa Pireezidaantii aangoo irra jiruu fi kan kanaan dura Pireezidaantii ture gidduutti taasifama. Akka CNN beeksiisetti sagantaan falmichaa JeekI Tapperii fi Danaa Bashiin qajeelfaama. Sagantichi Istuudiyoo CNN kan Atilaantaatti argamu keessatti kan gaggeeffamuu fi hirmaattoonni ykn namoonni galma sanatti seenanii daawwatan hin jiraatanis jedheera. Kadhimamtoonni yommuu falmii taasisan kanatti abbaan dabaree akka dubbatu eeyyamameefiin alatti Maayikiraafooniin isaanii cufaa ta’as jedheera CNN. Sagantichi yommuu cufamu haasaa daqiiqaa lama lamaa kan kaadhimatoonni taasisaniin alatti haasaan baninsaa hin jiraatu. Falmiin kun yeroo boqonnaa daldalaa ykn beeksiisaa lama kan qabaatu yommuu ta’u tokkoon tokkoo isaa dheerina daqiiqaa Sadii fi walakkaa qabaata. Yeroo boqonnaa kanatti kanneen saganticha qajeelchan kaadhimamtoota falmii taasisan waliin wal hin quunnaman.
Bakki Falmichi itti taasifamu Istuudiyoo CNN Atilaantaa , Jorjiyaatti.
Forum