Gareen finxaaleyyii al-Qaayidaa fi garee Islaamummaa waliin hidhata qaban guutuu Afrikaa keessatti baayyachuu fi ardittii irratti dhiibbaa geesisuun isaanii tooftaa isaanii fooyyessaa akka deemaniin, Yunaaytid Isteetis ykn michoota ishee warra dhihaa haleeluu danda’u yaaddoo jedhu jabeessee jira.
Qondaaltonni ittisaa fi waraanaa kan Yunaaytid Isteetis tasgabbii dhabuun Afrikaa keessatti balaa fi yaaddoo isaanii guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru.Kunis fonqolchi mootummaa gaggeeffaman hedduun mootummonni abbaa irree akka biyyoota to’atan gochuun, loltoonni Ameerikaa aangoo irraa ari’amuun, odeeffannoon basaasaa walitti qabamni kan Amerikaa akka hir’atu taasiseera.
Dura taa’aan hoggantoota waraanaa waloo kan humna qilleensaa Jeneraal Chaarlas Q Braawuun Kibxata darbe konfiraansii hoggantoota ittisa Afrikaa Bootswaanaatti geggeeffame irratti, “doorsisni kan akka Waagner Kan Raashaa, gareewwan shororkeessummaa fi dhaabbileen yakka biyyoota ollaa naannolee hedduu keessatti tasgabbii dhabuu facaasuu itti fufaniiru,” jedhan . "Hundi keenya walii galuu dandeenya jedheen yaada, wanti kutaa addunyaa tokko keessatti ta'u, kutaa addunyaa tokko keessatti hin hafu" Jedhan.
Konfiraansiin hoggantoota ittisa biyyaa, dachee Afrikaa irratti yeroo gaggeeffamu kun kan jalqabaa ti
Forum