Jiraattonii magaala Juujaa rakkina sodaa waraabeesaa keesaa jiru. Ji’oottan afuran darban keessatti mucaa waggaa kudhanii dabalatee namoottan sadii sababaa bineensa kanaan du’aniiru.Waldhabdeen namaa fi bineensota bosonaa dabaluu isaatiin adda durummaan namoonni bakka jireenya bineensota bosonaa weeraruu isaaniitiin komatamaa tureera. Garuu jiraattonni magaalaa Juujaa sababoota biroo keessaa foon horiiwwanii sirnaan gatuu dhisuu faa komatu. Gabaasinni Mohaamad Yusuuf dhimma kana irratti qopheesse kunooti.
Biyya Keeniyaa, Magaalaa Juujaa Keessatti Waraabessi Jiraattootarratti Sodaa Guddaa Uumee Jira
- VOA
Forum