Dr. Tolashii Tashoomaa jedhamu torban dabre Yunivarsiitii Jimmaa irraa gosa barnootaa Anaalitikaal Keemistriin digrii sadaffaa yokaan PhD argachuun eebbifaman. Muuxannoo barnootaa fi jireenyaa irratti Jaallanneen Dr Tolashii haasoofsiiftee jirti. Baadiyyaa Shawaa Kaabaatti kan dhalatanii guddatan, Dr. Tolashiin barnoota isaanii sadarkaa duraa fi giddu-galeessaa guyyaatti sa’atii lama miillaan deemuun akka baratan dubbatu. Barnoota isaanii sadarkaa lammaffaa, Ficheetti, digirii isaanii duraa Yunivarsitii Jimmaatti, kan lammataa Yunivarsitii Haramaayaatti baratan. Haadha daa’ima tokkooti – Dr. Tolashiin. Deemsa jireenyaa ulfaataa keessa dabruun bakka kana gahuu isaanii eeranii, dhaloonni haaraan yoo milkaa’uu fedhe, cichaa fi naamusaan hojjechuu fi yeroo isaa bakka hin taanetti balleessuurraa of dhaabuu akka qabu gorsan. Jaallannee Gammadaa tu dubbise.
'Barnoota Baratanii Qoramu, Jireenya Garuu Qoramanii Baru'
- Jaallannee Gammadaa
Forum