Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Lakkoobsii Barattoota Qormaata Kutaa 12ffaa Fudhatanii Barana Gad-bu’uu Biiroon Barnootaa Naannichaa Beeksise


FAAYILII - Waajjira Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Waajjira Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa

Sadarkaa guutuu biyyaatti har’a kennamuu kan jalqabee qormaannii kutaa 12 kan bara 2016 naannoo Amaaraa keessatti barana isa duraan baratamee irra lakkoobsii barattootaa gad aanaa ta’u dubbii himaan waajiira barnootaa kan naannoo Amaaraa Obbo Geetaachaw Biyaazin sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Brana barattonni kuma 93 caalaan qormaata kana fudhataa akka jiran ibsanii walitti bu’iinsa itti fufee jiruun kan ka’e keessumaa lakkoobsii barattootaa gudaan keessatti galma’aa kan turan Godiina Gojjam Bahaa Gojjam Dhiyaa fi Gojjaam Kaabaa keessa barattonni jiran qormaata fudhachuuf hin dhiyanne jedhan.

Qajeelfamnii barnootaa kan goodiina Gojjaam Bahaa dursee ibsa baaseen kan silaa barana qormaata kanaaf taa’uu jedhaman barattoota godinichaa kuma 19 caalan keessaa kan qormaata kana kan fudhatan manneen barnootaa 5 keessaa barattoota 577 qofa ta’u beeksisee ture.

Obbo Geetaachaw akka jedhanti, barattonni ammaaf lakkoobsii isaanii hin beekamne barnoota isaan qopheessu erga kennameefii booda, baatii Fulbaana dhufu qormaata kanaaf akka ta’an taasiifna jedhan.

Gama kaaniin, naannoolee wal falmisiisoo Tigraayii fi naannoo Amaaraa kan ta’an magaala Koram raayyaa Alaamaaxaa fi aanaa xalamti keessa kan jiran kuma tokko kanneen ta’an , har’a qormaata kana fudhataa akka jiran kantiibaan bulchiinsa yeroo kan magaalaa Alaamaaxaa Obbo Haayiluu Abattaa Ibsanii jiru.

Dhaabnii daa’immanii kan Tokkummaa Mootummootaa (UNICEF) gabaasa Kibxata kaleessaa baaseen, dhiibbaan sababaa walitti bu’iinsii bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti itti fufee jiruun, manneen barnootaa 4178 cufamaniiru.

Godiina Gojjaam Bhaa Gojjaam Dhihaa fi Gondar Kibbaa keessa manneen barumsaa jiran keessaa 100 keessaa harkii 89 cufamuu gabaasee jira jechuun Asteer Misgaanaaw Gabaastee jirti

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG