Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisii fi Giti Isaanii Kan Chaayinaa Shii Jiinpiing Torban Dhuftu Mariif Wal Akka Wal Argan Ibsame


Pirezdaantii Yunaaytid isteets, Joo Baayiden fi Pirezdaantii CHaayinaa Xi Jiinpiingi, Sadaasa 15, 2023.
Pirezdaantii Yunaaytid isteets, Joo Baayiden fi Pirezdaantii CHaayinaa Xi Jiinpiingi, Sadaasa 15, 2023.

Erga bara 2016 as yeroo jalqabaaf gorsaaa nageenya biyyaaleessaa Yuunaayitid Isteetisi Jeeeki Suliivaan kan Beejiingi keessatti mariif ministira haajaa alaa Chaayinaa fi hooggantoota olaanoo biyyattii biroo waliin taa’an. Daawwannaan isaa kunis yeroo Chaayinaan michoota Yuunaayitid Isteetisi kanneen akka Jaappanii fi Filiippiinsi waliin wal dhabdee keessa jirtuttidha. Kamisa har’aa Pireezidantii Chaayinaa waliin kan wal arge Jeeki Suliivaan torbaan dhufu keessa Pireezidaanti Joo Baayideen isin waliin marii taasiisuu hawwii guddaan eegaa jiru jechuun itti himanii , Pireezidaanti Baayideen wal morkiin gara wal dhabdeetti akka hin jijjiiramne fi faayidaawwan keenya bakkota wal simanitti waliin hojjechuu, kana kan sirreessuummoo walitti dhufeenya itti gaafatamummaa qabuun gaggeessuuf kutannoo qabus jedheera.

Akka miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa akka gabaasaniiti pireezidaantiin Chaayinaa Shii’n gama isaan Chaayinaan, walitti dhufeenyi Yuunaayitid Isteetisi waliinii tasgabba’aa, fayyaa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabu ta’ee guddina fiduuf kutannoon isheen qabdu hin jijjiiramne jedhanii, Yuunaayitid Isteetis gara daandii walakkaatti ni dhufti jennee amannas jedhaniiru.

Hooggantoonni biyyoota lamaanii torbaan dhufu Beejiingi keessatti wal arguuf kan jiran yommuu ta’u Jeeki Suliivaan Roobii kaleessaa dhimmoota hooggantoonni biyyoota lamaanii torbaan dhufu irratti marii’achuuf jiran ilaalchasiin qondaala dippiloomatii olaanaa Chaayinaa Waangi waliin marii’ataniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG