Mootummaan Itiyoopiyaa UNHCR waliin wal ta’uu dhaan baatii Bitootessa qabee biyyattii naannolee adda addaa keessatti baqattoota argamaniif kaardii eenyummaa dijitaalawaa kennaa kan jiru yoo ta’u, adeemsa kanaaf deggersa gochaa kan jiru Jaarmayaan baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa /UNHCR/ beeksisee jira.
Jaarmiyichi Kibxata har’aa jechuun Fulbaana 15 bara 2017 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti ibsa isaa kan baatii Hagayyaa baaseen, Finfinnee keessatti baatilee sadiif yaalii gochuun kan jalqabame, yeroo ammaa naannolee Amaaraa, Benishangul Gumuz fi Somaaleetti babal’atee kaardiin eeyummaa dijitaalawaan baqattoota 9,600f kennamuun ibsameera.
Yeroo ammaa adeemsi kaardii eenyummaa kanaa naannoo Somaalee keessatti kennamaa kan jiru ta’uu naannoo sana irraa yaada isaanii kan kennan daayirikitera tajaajila eegumsa baqattootaa fi baqaa deebii Dhaabaa Lammeessaa waa’ee adeemsa itti fufee jiruu illee ibsaniiru.
Baqattoota kanaaf adeemsa kaardiin eenyummaa dijitaalawaa kennamuu kan ajaa’ibsiifate UNHCR, kaka’umsi kun eegumsi baqattootaa galmee sirnaan qabamuu gama cimsuutiin, Itiyoopiyaan waltajjii baqattoota kan sadarkaa addunyaaf cicha isheen qabdu kan mul’isu jedhee jira.
Kaardiin eenyummaa dijitaalawaan kun, baqattoonni dirqisiisamanii biyya ofiitti akka hin deebisamnee fi callisanii hidhamuu irraa kan oolchu yoo ta’u, tajaajila hawaasaa kan akka fayyaa fi barnootaa fafakkaatan akka argatan kan dandeessisuu dha.
Itti dabaluu dhaanis baqattoonni herrega baankii akka banatan, hojii daldalaa akka hojjetanii fi sochiiwwan dinagdee keessatti akka hirmaatan kan dandeessisu ta’uu UNHCR fi ragaaleen tajaajila baqattootaa fi baqaa deebii kan Itiyoopiyaa mul’ianii jiru.
Galmeen baqattoota fi kaardii kana keennuu saffisaa waan hin ta’iniif lakkoobsi isaani dabalaa kan dhufe baqattoonni rakkoo adda addaaf saxilamaa jiraachuu kana dura gabaasuun keenya ni yaadatama. Yeroo ammaa Itiyoopiyaa keessaa baqattootaa fi kanneen dahata siyaasaa gaafatan miliyoona tokkoo ol ni argamu jedhamee kan tilmaamamu yoo ta’u, baqattoonni martinuu kaardii eenyummaa dijitaalawaa akka argatan gochuuf karoorsamuu isaa illee daayirikiterri tajaajila eegumsa baqattootaa fi baqaa deebii Dhaabaa Lammeessaa ibsaniiru jechuu dhaan Kenedii Abaatee gabaaseera.
Forum