Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Taayyee Astiqesillaasee ergaa meeshaa waraanaa haaraa Masriin dhuma torbee darbee gara Somaaliyaatti ergite ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru. Taayyeen, dhiyeessiin meeshaa waraanaa humnoota alaatiin taasifamu nageenya laaffataa kana daran hammeessee, dhumarratti ammoo harka shororkeessitoota Somaaliyaa keessa seena jedhan. Akka dhaabbati oduu mootummaa Itiyoophiyaa gabaasetti, Taayyeen yaada kana kan kennan, Tokkummaa mootummootaatti dhimmootii nageenyaa fi siyaasaaf itti aantuu muummittii barreessituu kan ta’an Roozmarii Dekaarloo waliin Niiw Yoorkitti ennaa wal arganitti.
Yaada Taayyee ilaalchisee deebiin hatattamaa Somaaliyaa irraa hin kennamne, garuu ministirri Ittisaa Abdulkaadir Mohaammad Nuur suuraa isaanii fi kan ajajaan waraana Somaaliyaa Jeneraal Ibraahim Sheek Muhiyaaddin buufata doonii Moqaadishootti doonii alaabaa Masrii of irraa qabdu irraa ennaa meeshaan buufamuu ilaalaa jiraachuu isaanii fuula feesbuukii isaanii irratti maxxansaniiru . Kunis kan dhaga’ame, Itiyoophiyaan Somaalilaandii waliin walii galtee falmisiisaa ta’e irratti wal-dhibdee naannoo sanatti uumame irraan kan ka’e mootummaan Masrii ergaa meeshaa waraanaa gara Somaaliyaatti erguu isaa mirkaneesse booda.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Masrii Taamiim Khalaaf meeshaan waraanaa Dilbata darbe Moqaadishoo gahii mirkaneessaniiru. Somaaliyaaf nagaa fi tasgabbii, shororkeessummaatti duuluu, Abbaa biyyummaa ishee eeguu, tokkummaa fi kabajaa naannoo ishee eeguu ka jedhuuni, deggersa waraanaa Masriin ergite Somaaliyaan dandeettii ishee akka akka ijaarrattuf tattaaffii gootu jechuu dhaan Kalaaf ibsa isaaniin beeksisaniiru.
Somaaliyaan dhiyeenya Masrii waliin walii galtee ittisaa mallatteessite. Somaaliyaan loltoonni Itiyoopiyaa baatii Muddee qabee biyya ishee akka gad dhiisan kan barbaaddu yoo ta’u, Masriin immoo kan gurmuu ce’umsaa kan gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessaa bakka bu’ugurmuu haaraa keessaa qooda akka qabaatu barbaaddi. Taayyeen gurmuu haaraa kan Amajjii bara 2025 hojii jalqabuuf jiru ilaalchisee yaada kennaniiru. Dhaabbati oduu Itiyoopiyaa akka gabaasetti, Taayyeen gurmuu ce’umsaa sana booda kan murtaa’u murteen kam iyyuu gama hundaan gurumuun kun aangoon isaa, guddinni isaa hagam akka ta’ee fi faayinaansii fi qindoomina isaa ofitti kan haammate ta’uu qaba.
Forum