Poolisiin Taanzaaniyaa Wiixta har’a namoota paartii mormitoota olaanoo ka biyyatti to’annaa jala oolchuu isaa paartileen ibsanii jiru.Kunis aanga’oonni mormii ummataa magaalaa Daar es Salaam keessatti geggeeffamaa jiru ugguruuf socho’aa yeroo jiranitti.
Uggurri ifatti kaa’amus, paartiin mormituu Chaademaa humnoota tikaatiin miseensota isaa butamamuu fi ajjeechaa raawwatame jedhame irratti hiriira kana akka itti fufu dhaadatee ture. Paartiin kun akka jedhanitti dura taa’aan isaa Freeman Mbowe fi itti aanaan isaa Tundu Lissu lamaan isaanii iyyuu har’a to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, poolisiin jeequmsa ittisan immoo walitti qabamuu ittisuuf naannoowwan ijoo magaalattii keessa buufatanii jiru.
"Hiriira ba’uun mirga heera mootummaa keenyaa ta’e ituu jiruu, humna guddaan poolisiin namoota doorsisuu fi bilisummaa keenya ukkaamsuuf itti fayyadamaa jiru nu ajaa'ibsiisa," jechuun Mbowe poolisiin osoo hin hin qabamiin dura deeggartootaaf himaniiru jedha viidiyoon dhaabichi toora interneetii irratti qoode.
Paartiin Chadema mootummaan Pirezidaantii Saamiyaa Suluhu Hassan biyyattii tooftaa ukkaamsaa nama ishee dura ture John Magufulitti deebiseera jechuun himate.
Ameerikaa dabalatee gareewwan mirgaaf falmanii akkasumas mootummoonni biyyoota dhihaa filannoo naannoo sadaasa keessa gaggeeffamuu fi filannoo waliigalaa dhuma bara 2025 dura ukkaamsaa haaromfamuu ilaalchisee yaaddoo qaban kaasaniiru. Poolisiin gama isaan, mormiin Chadema hookkara akka ta'u himate ture.
Forum