Walii galtee falmisiisaa Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandii waliin mallatteessan irraa kan ka’e wal-dhabdee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduu furuuf carraaqqii taasiftu akka itti fuftuu Turkiiin kamiisa kaleessaa beeksiiftee jirti.
Turkiyaan duraanuu Ankaaraa keessatti marii marsaa lamaa kan keessummeessite yoo ta’u, bu’aa qabatamaa hin argamne. Mariin marsaa sadaffaan Fulbaana 17 gaggeeffamuuf beellamame, qophii dippilomaatonni biyyoota kanaa Yaa’ii Waliigalaa kan Tokkummaa Mootummootaaf taasiisaniin yeroo biraatti dabre.
Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakan Fidaan ministeera haajaa alaa Itoophiyaa Taayyee Asqa Sillaasee, fi kan Somaaliyaa Ahmad Moallim Fiqii waliin Niiw Yoork keessatti mari’ataniiru.
“Adeemsi Ankaaraa keessaa tti fufee jira. waldhabdee jiru salphisuuf furmaata madaalawaa, hojiirra ooluu danda’uu fi walfayyadu argachuuf hojjechuuf murteessaa dha,” jechuun Ministeerri Dhimma Alaa Tarkii midiyaa haawaasaa X irratti maxxanseera.Fiqiin walgahiin Fidaan waliin taasisane ''ijaaraa'' ta'uu ibsan.
Gama biraatiin Itiyoophiyaa irraa Obbo Taayyeen Asqa Sillaasee Kamisa kaleessaa NY keessatti Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets keessatti Gargaartuu Ministira Dhimma Afrikaa Ameerikaa kan taate Catherine Molly Phee waliin wal arganiiru.
Obbo Taayyeen haala gaanfa Afrikaa irratti ibsa kennan, addatti ejjennoo Itiyoophiyaan nagaa fi nageenya itti fufiinsa qabu naannichatti hojjechuuf qabdu irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Ityoophiyaa baase ni mul’isa.
“Somaaliyaa ilaalchisee Ministirri kun, Itiyoophiyaan shororkeessummaa ittisuuf tattaaffii itti fufiinsaan taasiftu ibsanii, qophiin imala ce’umsaa gamtaan Afrikaa somaaliyaa kamiyyuu osoo hin murteeffamin dura of eeggannoo fi bal’inaan ilaalamuu akka qabu cimsanii dubbataniiru,” jechuun ibsi kun dabalee ibseera.
Forum