Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Abdel-Fattah Al Burhan waraana biyya isaanii keessaa xumuramuu akka barbaadu ibsuun garuu jeneeraala mormituu isaanii waliin ta’anii dubbachuuf dura looltoota isaanii baasuu qabu jedhan.
Walgahii Yaa’ii Waliigalaa Tokkummaa Mootummootaa isa Niiw Yoork irratti erga hirmaatanii booda gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, “Waraana dhaabuu akkasumas nagaa fi tasgabbii deebisuuf fedhii guddaa qabna kunis haal-duree tokko malee” ta’u qaba jedhan.
Haa ta'u malee mariin kun akka eegaluuf haal-duree hedduu ka’an.“Humni isaa yoo ba’e malee waan walii galle hojiirra oolchan malee, Hamdtii waliin gonkumaa hin teenyu,” jechuun morkataa isaa, hogganaa humna deggersa saffisaa, Mohaammad Hamdan Dagalo, eeruun dubbataniiru.
Fonqolcha mootummaa bara 2021 hordofuun mootummaa ce'umsaa Sudaan keessatti yeroo tokko michuu kan ta'an jeneraalonni lamaan, aangoof dorgomtoota hamaa ta'aniiru. Ebla 15, 2023 magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti humnoota isaanii gidduutti lolli dhoohe. Ergasii booda guutummaa Sudaan keessatti babal’atee, gocha hammeenyaa fi ajjeechaa bal’aa fideera.
Waraanni Sudaan Kamisa kaleessaa barii magaalaa Kaartuum keessatti haleellaa humna deeggarsa saffisaa irratti banuun erga waldhabdeen kun jalqabee tarkaanfiii guddaa raayyaa ittisa biyyaa ta’ee mul’ate ta’uu maddeen waraana Sudaan keessaa fi namoonni bakka sanatti argan himan.
Burhaan waa’ee lola haaraa humnoota isaa fi RSF gidduutti Kamisa darbe Kaartuum keessatti ka’e kan gaafataman ta’uus, garuu ibsa haaraa hin kennine.
Kamisa kaleessaa Al- Burhan falmii waggaa kan yaa’ii Waliigalaa Tokkummaa Mootummootaa irratti haasawaa taasisaniiru. Haasawa isaa irra caalaan waa'ee wal waraansa biyya isaanii keessaa dubbachuuf itti fayyadaman. Morkataan isaanii Hemedti, “haasawaa gumii waliigalaa kan Tokkummaa mootummootaaf” qopheessan midiyaa haawaasaa kan ofii X irratti maxxansanii jiru.
Forum