Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Gabaasaa Hojii Isaa Paarlaamaa Biyyattiif Dhiheessee Jira


Komishiniin Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Gabaasaa Hojii Isaa Paarlaamaa Biyyattiif Dhiheessee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:33 0:00

Komishinerri komishinichaa Proofeseer Masfin Ara’aayaa gabaasa raawii hojii komishiinichaa kan ji’a Sadii guyyaa har’aa yemmuu mana maree bakka bu’oota mootummaa Ityoophiya irratti dhiheesaaniru. Amma ammaatti naannoolee Sagalii fi bulchiinsaa magaalaa 2 keessatti hojiin Ajaandaa marii biyyaalesaa walitti qabuu raawwachuu isaa ibsaanii, kan naannoo Oromiyaa dhibeentaan 98 waan raawwateef torban Sadii keessatti akka xumuramu komishineerichii himaniiru.

Naannowwan walti bu’insii keessatti adeemaa jiru Amaaraa fi Tigraay keessatti Komishiinichii maala akka hojataa jiruu gaaffii miseensota mana maree irraa dhihaatef deebii kan kennan Proofeeser Masfin Ara’aya, mootummaan haalaa dandeesisaa ta’e mijeesuudhaan akka itti gaafatamumaa isaa bahu gaafachaa jiraachuu isaanii ibsaanii, hidhatoonii akka garaa marii nageenyaati dhufan yaaliin qaamolee alaa hirmaachise taasifamaa jiraachuu isaa eeraniiru.

Waldabdeedhaaf waliti bu’insaa biyyatti keessa jiruu irratti marii nageenyaa biyyaalesaa geggeesuudhaan waligalteen akka umamu taasisuudhaaf labsii seeraatiin kan hundaa’e komishiiniin marii biyyaalessaa, yeroon kennameefii ture waggaan Sadii xumuramuudhaaf baatiin Sadii duwwaan akka hafu beekameera.

Yeroo hojii isaa dheeresuun dhimmaa mana maree bakka bu’ootaa akka ta’es proofeser Masfin ibsuu isaaniifi paartiileen walabumaa komishiinichaa irratti shakkii qabna jedhan marii biyyalessaa komishiinichaan geggesamuu keesaa bahu isaanii Kenedii Abaatee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG