Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barsiistonni Kibba Itiyoopiyaa Hidhaa Keessa Turan 66 Hiikamuun Ibsame


Godina Koree keessaa dura taa’aa waldaa barsiistotaa kan ta’an obbo Tesfaayee Cabbacoo torban darbe jechuun Sadaasa 11 bara 2017 buufata poolisii aanaa sanaa keessatti hidhamanii kan turan barsiistonni 66 marsaa lamaan gad dhiisamuu isaanii Sagalee Ameerikaaf bilbilaan beeksisaniiru. Barsiistonni hidhaman jedhaman mindaan isaanii eeyama isaaniitiin ala waan irraa citeef hookkara hoji dhaabinsaa geggeessuu isaaniitiin kan ka’e kan jedhan obbo Tesfaayeen, reebamuu isaaniif keessuma barsiistonni ja’a miidhaa guddaaf saaxilamuu isaanii dubbatan.

Godina Koree aanaa Sarmaaleetti ajajaa poolisii kan ta’an ajajaa kujmaa Ascennaaqii Cabbixee, barsiistonni kan hidhamaniif hookkara waan kakaasaniifi jedhan. barsiistonni martinuu amma gad dhiisamuu isaanii tuqanii, poolisii dhaan reebamanii wal’aansa fayyaa dhorkaman kan jedhu garuu haalanniiru.

Itti gaafatamaan bulchiinsa barnoota godinichaa obbo Serrebeen barsiisaan reebame hin jiru kan hidhames gad dhiisamanii barnooti adda cite ture mala itti jalqabamuu fi inni darbes bakka bu’uu danda’u akkasumas mindaa isaanii ilaalcisee mariin geggeessamaa akka jiru dubbataniiru jechuu dhaan Yoonaatan Zebidiwoos gaaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG