Afiriikaan Kibbaa pireezidaantummaa garee biyyoota 20 (G20 ) isheetti fayyadamuun biyya Afiriikaa irraa kan jalqabaa ta’uu isheen Ajandaawwan Ardichaa gara waltajjii diinagdee humna qabeessaa Addunyaa kanaa irratti dursi akka kennamuuf ni taasiifti jedhan Pireezidaantiin Afirikaa Kibbaa.
Aangoo Pireezidaantummaa garee biyyoota duureeyyii isa G20 jedhamuun beekamuu kan dabareedhaan wal harkaa fuudhamuu Mudde 1 bara 2024 irraa eegalee Afiriikaan Kibbaa Pireezidaantummaa kan fudhatte aangoo ishee kana Yuunaayitid Isteetisiif dabarsitee osoo hin kenniin dura ji’a Sadaasaa bara dhufu keessa yaa’ii gaamtichaa keessummeessiti. Biyyi Ardii Afirikaa irraa yeroo jalqabaaf Pireezidaantummaa garee biyyoota dureeyyii “G20” argatte Afirikaan Kibbaa Ajandaawwan Ardii Afiriikaa waltajjii humna qabeessa addunyaa kana irratti dhiyyeessuun dursi akka kennamuuf ni taasisa jechuun Pireezidaantiin Afirikaa Kibbaa Siyiriil Ramafoosaa Kibxata kaleessaa ibsaniiru. ArdiI Afirikaaf akkasumas biyyoota guddachaa jiran kan Kibba Addunyaa kanaarra jiraniif yeroo gaariidha kan jedhan Ramafoosaan , carraa kanatti fayyadamuun guddina Afirikaaf dursa kennuu fi kan addunyaa gara kibbaaf waltajji kana irratti akka dhiyyaatu taasifnas jedhan. Ardicha ama guddinaan gara fuuladuraatti deemsiisuu kan danda’u foolii Afirikaa akka qabaatu ni taasifanas jedhaniiru.
Gareen biyyoota duureyyii inni G20 jedhamuun waamamu miseensota biyyoota 19 fi kan garee lamaa Gamtaa Afiriikaa fi Awurooppaa of keessatti hammateguddina addunya GDP dhibbeentaa 85 fi daldala addunyaa Sadii Arfaffaa kan qabatee jirudha.
Hanga gamtaan Afiriikaa bara 2023 tti garicha keessa akka seenu taasifamutti Afiriikaan Kibbaa qofaa ishee sagalee Afiriikaanootaa turte kan jedhan Ramafoosaan biyyoonni Afirkaa biroon kanneen akka Naayijeeriyaa kanneen humna diinagdee guddaa qaban garicha keessatti miseensummaan akka galaniif sagalee taanas jedhaniiru.
Forum